Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pep Gaardiyoolaa: 'Maanchester Siitiin kilaboota ciccimoo keessa galuuf dorgumuu dhabuu mala'
Pep Gaardiyoolaan Maanchester Siitiin, Awurooppaa keessatti kilaboota baayyee ciccimoo keessaa tokkoo ta'uuf "dorgomuu akka hin dandenye" himuun "haqa jirullee fudhachuu qabna" jedhe.
Gareen Gaardiyoolaa tapha Piriimer Liigii Sanbata darbeetiin Maanchester Yunaayitidiin 2-1 mo'atameera.
Yeroo ammaa qabxiin Maanchester Siitiifi sadarkaa tokkoffaarra kan jiru Liiverpuul gidduu jiru 14 ta'eera.
Bara darbe Maanchester Siitiin Piriimer Liigii mo'achuudhaan waancaa kan fudhate yoo ta'u bara ammaa kana keessa taphoota afur osoo hin mo'atiin hafeera.
"Dhugaa jiru fudhannee gara fuula duraatti foyyeessuuf hojjechuu qabna," jedha Gaardiyoolaan.
"Maanchester Yunaayitid cimina ittisuu ni qabu; akkasumalleen dandeetti ce'anii haleeluus ni qabu waan ta'eef dhugaa kana fudhachuu qabna," jedheera.
"Sadarkaan amma irra jiru kan kilaboonni Liiverpuul, Maanchester Yunaayitid, Baarseloonaa, Riyaal maadiriidiifi Juveentuus irra jiran waliin yeroo ilaalamnu nu hafa. Amma isaan waliin dorgomuu hin dandeenyu."
"Amma akka kilabiitti dhugaa jiru kana beeknee foyyeessuudhaaf hojjechuu qabna."
Taphattoonni ciccimoo kilaba cimaa torban kanaa ijaaran eenyufaadha?
Taphoota Piriimer Liigii torbaniin taphataman ilaaluun taphattoota ciccimoo kilaboota gara garaaf sarara gara garaarra taphatan walitti fiduun Gaarez Kiruuksi kilaba cimaa torbanii tokko ijaara.
Haaluma kanaan kilaba kanaaf Deeviid Giyaan karra eegaa cimaa ta'uun Maanchester Yunaayitidirraa filatameera.
Tapha darbii Maanchesteritti gaggeeffameen akkuma yeroo kaanii naamusa gaarii dirreerratti agarsiisuun alatti goolii lama cimina isaa agarsiisan qolateera.
Gaarez sarara ittisaaf taphattoota ciccimoo sadii kilaba cimaa kanaaf filate keessatti ammas Maanchester Yunaayitid lama gumaacheera. Taphattoonni kunneenis, Aaroon Waan-Bisaakaafi Viktoor Liindeloofidha.
Everten ammoo sarara ittisaa kanaaf Maason Holgaatiin kenneera.
Kilabiin cimaan kun taphattoota sarara gidduu afuriin ijaarame akka filannoo Gaarezitti.
Isaanis Joorj Baaldook Sheefiild Yunaayitidirraa, Jordaan Henersan Liiverpuulirraa, Jams Maadisan Leester Siitiirraa, Saaniin ammoo Tootinhaamirraa walitti fiduun kan ijaaramedha.
Akka Gaarez filatetti Maanchester Yunaayitid taphattoota ciccimoo sarara duraarraatti sirriitti halaalu jedhaman sadii keessaa Raashofoordiin gumaacheera.
Harii Keen Tootinhaamirraa, Dominiik Kaalvert-Lewiin ammoo Evertenirraa sarara duraa kilaba cimaa torban kanaaf filatamaniiru.
Maanchester Yunaayitid kilaba cimaa torban kanaaf Gaarez Kiruuksi ijaare kana keessatti taphattoota afur gumaachuun tokkofaa yoo ta'u, Everten ammoo taphattoota lama kenneera.
Isinis taphattoota ciccimoo sarara gara garaa irraa kilaboota gara garaa keessaa walitti fiduun kilaba cimaa ijaaraa.
Eenyufaatiin filattu?