Taphattoota garee cimaa torban kanaa eeenyfaadha?

Liiverpuul ittuma fufee mo'achaa jira. Chelsiin ammoo Westihaam waliin taphatee bara dorgommii kana yeroo jalqabaatiif qabxii gateera.

Tapha torban darbe kanaan Maanchester Siitii, Liiverpuuliifi, Arsenaal mo'ataniiru. Maanchester Yunaayitid garuu Wolviis waliin walqixa ba'eera.

Taphoota kana keessatto eenyufaatu sirriitti cimee mullate? Garee cimaa torban kanaa Gaarez Kiruuksi.

Goolii eeguun - Deeviid Deehiyyaa

Ammallee torban sadii walitti aansuudhaan Maanchester Yunaayitidiin oolcheera. Tapha Wolvis torban darbe kana tureenis dadeettii isaa sirriitti agarsiiseera. Kubbaa Raawul Hemeneez gara gooliitti erga akkaataa inni itti hin galle itti hambisi ajaa'iba ture.

Filannoon taphattoonni ciccimoo kan FIFA kan bara kanaas har'a Ingiliiz, Landanitti ifa ta'a jedhamee eegamaa jira.

Taphattoota kubbaa miilaa dhiiraatiin Kiristaanoo Ronaaldoo dabalatee taphataa Kirooshiyaa Luukaan Moodirichiifi Mohaammed Saalhaa warra Ijjibti waldorgomu jedhameera.

Kana malees, gooliin filatamtuu bara kanaa, namni goolii eegaa cimaa baranaafi leenjisaa bara kanaa tokkoffaa ta'an filatamuuf jiru.

Kana malees kubbaa Wiil Biiliin gara gooliitti yaale kan dhumateef taatullee Deehiyyaan akka isheen hin lakkaawamne oolcheera.

Kana beektuu laata? Erga taphni kan bara 2017-2018 jalqabamee kubbaawwan galuu danda'an hedduu ittisuudhaan taphataan goolii eegu isa gitu hin jiru. Hanga ammaatti kubbaawwan dhibba keessaa 78 hambiseera.

Sarara Ittisaa - Daanii Rooz, Joowel Maatiippii, ISaa Diyoop

Daanii Rooz: Taphataan kun garee biraatti makamuudhaaf oduun jedhu erga dhaga'amuu jalqabee dandeettiin isaa gadi bu'aa dhufus, tapha Biraayten waliin tureen garuu baayyee gaarii taphate.

Goolii lammmaffaa ittiin warri Tootinhaam mo'atan kan Heriik Laamelaan lakkoofsise kan tolchee dabarseef Rooz ture.

Joowel Maatiip: Taphataan lammii Kaameruun kun garee Liiverpuul keessatti gammadaa fakkaata. Akkaataa inni erga goolii galchee booda gammachuu isaa ittiin ibsate kanuma agarsiisa.

Isaa Diyoop: Tapha torban darbe Westihaam Everten waliin taphateen Diyoop taphattoota sarara duraa hunkuraa tureera. Torban kanas tapha cimaafi rakkisaa Chelsii waliin taphatan osoo gooliin itti hin lakkaa'amiin gaalii malee walqixa akka ba'aniif ga'ee guddaa tba'ateera.

Sarara Gidduura - Diyoogoo Jota, Ikey Gudoogaan, Leenen, Jemsi Maadisan

Diyoogoo Jota: Taphattoota filatamoo Wolviis ija seenaa jiran keessaa Diyoogoo Jotaa isa duraadha. Taphni bara kanaa erga jalqabamee taphataan kun hiriyoota isaa biroo kamiyyu caalaa kubbaa gooliif ta'u tolcheera.

Ikey Gundoogan: Tapha Maanchester Siitiin Kaardif waliin taphaterra Deevid Silvaan dhibullee, Gundoogaan jijjiiramee galee isaan hin yellaasifne. Taphataan lammii jarman kun yeroo goolii tokko lakkoofsisa sochii inni taasises baayyee ajaa'iba ture.

Haroon Leenen: Leeneen gara dadeettii duraan qaba turetti waan deebiyaa jiru fakkaata. Sarara gidduu sirriitti qajeelchaa kan tureefi goolii tokkollee lakkoofsisuu danda'eera.

Jamsi Maadisan: Gareen Leester amma mo'achuutti waan deebiyaa jiran fakkaata. Taphattoota dadneettii cimaa agarsiisaa jiran keessaa ammoo Maadisan isa tokkodha. Hanga ammaatti gooliiwwan sadii kan lakkoofsise yommuu ta'u, kubbaaf gooliif ta'u tokko ammoo sirreessee kenneera.

Sarara duraa- Serjiwoo Ageeroo, Aleksaader Laakaazeetee, Raahim Isterliingi

Serjiwoo Ageeroo: Akka Gaarez Kiruuksi jedhutti taphattoota sarara fuula duraa kubbaa itti qoran addunyaan kun qabdu keessaa Aguweeroon isa tokkodha. Tapha Maanchester Siitiin Kaardif waliin taasise irratti goolii 205ffaa isaa lakkoofsiseera.

Aleksaader Lakaazeetee: Goolii Arsenaal Everten irratti lakkoofsise keessaa tokko akka ajaa'ibaatti kan lakkoofsisa Laakaazeeteedha. Haala miidhagaa ta'eenis miira isaa ibsateera. Taphataan kun erga gara Arsenaal dhufee gooliiwwan 16 lakkoofsise keessa 12 dirree isaanii Emireetis irratti.

Raahim Isterliing: Tapha Maanchester Siitiin Kaardif waliin taasiee 5fi 0 mo'ate irratti namni Isterliingiin dhaabu hin turre. Taphataan kun tapha tokkorraa gara tapha biraatti dandeettii isaa cimsataa dhufeera.