Taphattoota ciccimoo Kiruuksi torbee kanaa

Shaampiyoonaan bara darbee Manchistar Siitii Wolvis waliin qabxii yoo qooddatu, Leenjisaan Aarsenaal haaraan Onaay Eemiirii Westihaamiin mo'achuun injifannoo isaanii kan jalqabaa dhandhamaniiru.

Livarpuulis goolii Mohaammad Saalaan lakkoofsiseen qabxii sadi Biraayitan irraa argateera.

Cheelsii imala isaa injifachuurraa kilabni dhaabsisu ammatti hin aragamne. Niiwkaasiil taphoota sadanuurraa qabxii argachuu hin dandeenye.

Taphoota Piriimeerliigii Ingiliiz torbee sadaffaa keessaa eenyufaatu cimoo ture? Kiruuksi cimoota isaa 11 tarreesera.

Karra eegaa- Ruuwii Paatriisiyoo

Karra eegeaan Wolviis Ruuwii Paatrisiyoon yaalii taphattootaa fulduuraa Maanchistar Siitii akka Aguweeroofi Gaabreel Heesuus haalli itti fashaleesse dinqiiisfannaa argateera.

Rahiim Istarliing irraa yaalii gooliif dhihaatte kan biroos haalli itti fashaleesse gooliii eegaa taphoota torbee kanaa ta'uun isa filachiiseera.

Treent Aleksaader liveerpuul irraa, Aymeerik Laportee Manchistar Siitiirraa, Haarii Maguu'eeri Leester Siitiirraa fi Raayin Bertraand Saawuuzaampitanirraa taphattoota saraara ittisaa irratti torbe kana qixxee hin qaban jedhamiinii dha.

Fuulhaam irraa Miikaayeel Seerii, Liivarpuulirraa Jeemsi Miilneer, akkasumas Cheelsiirraa Maarkoos Aloonso taphattootaa filannoo sarara gidduu Gaarzi Kiruuksi torbee kanaa ta'aniidha.

Haalli taphaa leenjisaa haaraa Cheelsii Maawreeziyoo Seerii ediin Hazaardiin bilisa ta'ee akka taphatu gargaareera jedha Kiruuks.

Fuulhaamiif oolmaa guddaa gochaa kan jiru Aleksaader Mitroovich akkasumas hanga ammaatti Waatfoordiif goolii sadii kan lakkoofsise Robeertoo Pereeyraan sarara fuulduraa irrattii taphattoota sadii filannoo Kiruuksi ta'aniidha.

Taphii Piriimeerliigii torbee kanaa hara'as itti fufee galgala kana Maanchistar Yunaayittid Tootenhaam waliin ni morkata.

Xiinxalaan kubbaa miilaa bbc Laawroon taphni kun injifannoo Manchistar Yunaaytiid 2 fi 1 xumurama jedheera.