Piriimer Liigii Ingliiz: Kilaboonni sadarkaa duraarra jiran bakka isaanii eeggataniiru

Taphoota torba taphatame keessaa torbanuu mo'achuun Liiverpuul ammallee dursaa jira. Sanbata kaleessaa Liiverpuul Sheefiild Yunaayitidiin 1-0 mo'achuudhaan qabxii isaa 21 irra geessifateera.

Liiverpuuliin qabxii shan hanqachuun Maanchester Siitiin ammoo 16 qaba.

Sanbatuma kaleessaa Maanchester Siitiin Everteniin 3-1n mo'ateera.

Kilaboota gurguddoo keessaa Tootinhaam Saawuuzhaampiteniin 2-1n injifatee gara mo'achuutti deebiyeera.

Tootinhaam tokkofarraa kan jiru Liiverpuuliin qabxii 10n caalamee jiraatus garuu qabxii dhabuu torbeewwan darban isaan mudate dandamatanii mo'achuun leenjisaan garee kanaa Maarsiyoo Pochetinootiif kan lubbuu itti deebisedha.

Kilabni biraan Landanitti argamu Chelsiin kaleessuma Biraayitaniin 2-0n mo'achuudhaan gara sadarkaa ja'affaatti dhufeera. Isa dura garuu sadarkaan isaa 16ffaarra ture.

Chelsiin kan injifate adabbii peenaaliitii Jorginhootiifi gaaloo Wiiliyaan erga Amajjiin booda yeroo jalqabaatiif lakkoofsiseen ture.

Kun ammoo leenjisaa kilabichaa haaraa Firaank Laampaardiin qaanii oolcheera.

Weest Haam kilaboota Landan ciccimoo jiran keessaa tokkodha. Taphoota torba taphataman kanaan qabxii 12 qabatee sadarkaa sadaffaarra jira.

Kaleessa Bornimaawuz waliin 2-2n walqixa bahaniiru.

Kiristaal Paalaas ammoo Noorwich Siitiidhaan 2-0n mo'ateera.

Aston Viilaaan, kan Noorwich waliin garee gadiirraa Piriimer Liigiitti makame, Barnilee waliin taphatee 2-2n walqixa ba'eera.

Woolviis ammoo Waatfoordiin 2-0tiin injifateera.

Dilbata har'aafi Wiixata booruu taphoota ciccimoo hafan keessaa Arsenaal mo'annaan sadarkaa 1-3 keessa dhufee ni gala.

Kanaaf, har'a Leester Siitiin Niiwuu Kaasil waliin 16:30 (12:30) ni taphata.

Boor Wiixata ammoo Maanchester Yunaayitid dirree isaa Oold Tiraafoord irratti Arsenaaliin simatee waliin ni taphata.