Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Alex Iwobii: Sa'aatii dhumaatti Arsenaalii gara Evertenitti Paawondii miiliyoona 34 jijiirame
Everten taphataa sarara fuula duraa Arsenaal Aleksii Iwobii Arsenaalirraa Paawondii miiliyoona 34 baasuun fudhateera. Waliigalteen taphataan kun Everten waliin walii gales turtii waggaa shaniidha.
Iwobiin taphattoota Arsenaal keessaa kan sadarkaa gaariirra jiru yommuu ta'u taphoota 149 taphateen gooliiwwan 15 lakkoofsiseera.
Taphataan lammii Naajeeriyaa kun taphattoota leenjisaan Everten Maarkoo Silvaa ganna kana mallatteessifate torba keessaa tokkodha.
"Aleks Iwobii gabaa ganna kanaan kan irratti xiyyeeffanne keessa isa ijoo waan tureef isa mallatteessisuun waan baayyee gaariidha jedheen yaada.
Taphataan kun toora qarqaraafi dirree walakkaan haleeluu irratti kan kallattiin seenuufi ogummaa qabu yeroo hunda sirriitti jabaatee hojjetudha," jedhe leenjisaan Everten kun.
"Umuriin isaa ammallee ijoollee ta'u muuxannoo hedduu qaba. Taphoota Piriimer Liigii 100, hedduu Awurooppaa keessa ta'aniifi kanneen biroo idil-addunyaa irratti taphateera.
"Aleksi Iwobiin taphataa bakka ani barbaadu guutuudha. Evertenitti makamuudhaafis hedduu hawwaa ture. Kanaaf, turtii isaa yeroo itti aanu kana keessatti liigicha keessatti kilaboota ciccimoo keessa gallee akka xumurruufi ofii isaa ammoo akka dandeettii qabu isa ol-aanaarra ga'u eegna."
Yeroon jijjiiraa cufachuudhaaf sa'atiin afur yeroo hafutti Iwobiin gara Everten akka deemu kan himame yommuu ta'u, taphattoota haaraa kilabichaaf mallatteessan akka goolii kan eegu Jonas Lossl, sarara ittisaarraa Djibril Sidibe, sarara giddurraa Andre Gomes, Fabian Delph fi Jean-Philippe Gbamin, akkasumas sarara duraarraa kan haleelu Moise Kean waliin walitti makameera.
Iwobii fudhachuuf Everten jalqaba Paawondii miliyoona 30 dhiyeessee waan didameef, Everten isa gara Paawondii miiliyoona 34 'tti guddisuudhaan harka galfateera.
Iwobiin tibba darbe keessa yeroo leenjisaa Arsenaa kan ammaa Unai Emery jalatti walitti aansuun dirree galee taphataa kan ture yommuu ta'u, tapha Yurooppaa Liigii xumuraarratti kan Chelsiidhaan kan itti mo'ataman irratti goolii lakkoofsiseera. Taphni sun Iwobiidhaaf kilaba Arsenaaliif taphachuuf isa dhumaa ture.
Arsenaal keessatti erga Nicolas Pepe kilaba Liilleerraa seenaa Arsenaal keessatti baasii guddicha jedhame Paawondii miliyoona 72 dhufuun isaa bakka Iwobiin taphatu irratti dorgommiin baayyateera.
Iwobiin amma turtii isaa boqonnaa haarawaa Everten waliin jalqabeera. Everten tibba darbe kana saddetaffaa ta'anii xumuran.
Haata'u malee, leenjisaan Everten Silvaan tapha bara kanaatiin sadarkaa isaanii foyyeefachuu barbaadu waan ta'eef Aleksi Iwobii dabalatee taphattoota torba mallatteessisuun garee kana yeroo gannaa cimsatanii qophaa'aniiru.
Iwobiin Arsenaal gadhiisuun Naajeeriyaanota dheekkamsiise
Naajeeriyaanonni deggeertoota Piriimer Liigii Ingliziidha. Deggartoota lammilee biyyattii keessaa miliyoona hedduu kan ta'an Arsenaaliin deggeruun kilabichi biyyattii keessatti tokkoffaadha.
Namoonni baayyeenis fuula miidiyaa hawaasumma isaaniirratti yaada jijjiirraa Iwobii kana waliin walqabate barreessaa jiru.
Hedduun isaanii Arsenaaliifi leenjisaa Arsenaal qeeqaniiru. Leenjisaan kun Pepe argatee Iwobii gadhiisuutiin hin buufatu ni kasaara malee jedhu.
Kaan ammoo hedduu akka gaddan dubbatu.
Gabaastuu BBC Africa Sport fi deggertuu Arsenaal cimtuu kan taate, Deboolaa Adebaanjoo Leegosirraa akka fuula Instagram ishee irratti "ani deggertuu Arsenaal duriidha" jechuun maxxansiteetti.
Iwobiidhaan cimsitee kan deggartu Deboolaan, guyyaa inni gurguramerraa kaastee uffata kilaba Everten isa cuquliisa uffachuu dubbatti.
"Filannoo biraa hin qabu har'a irraa kaaseee cuquliisan uffadha. Nagaatti ya Arsenaal,''jettetti.