Donaald Tiraamp aangoorraa buusuuf himanni banamuufi

Afa yaa'iin mana maree bakka bu'oota Uummata Ameerikaa Naansii Peelosii Tiraamp aangoorraa buusuuf himannaan akka banamu dubbatan.

Adeemsi Tiraamp aangoorraa buusuu kan eegale pireezidantichi aangoo isaanii akka hin malletti itti fayyadamaniiru himata jedhuuni.

Koreen mana murtii mana marichaa Pirezidanti Rippabilikaanii Tiraamp waanti himachiisuu danda'u akka jiruu addaa baasuu wayita eegaleetti Peelosiin kana dubbatan.

Pirezedant Tiraamp yoo aangoorraa na buusuu yaaddan daddafaa malee jedhanii warra Dimokiraatotatti himan.

Peelosiin otoo yaada hin kenniin yeroo muraasa dura Tiraamp toora tiwitarasaaniirratti yaadasaanii barreessan.

''Yoo aangoorraa na buusuu barbaaddan ammuma na buusaa, saffisaa malee, yoo akkas ta'emmoo Seenetii keessatti dhaddacha haqa qabeessaa qabaanna.'' jedhanii barreessan.

Miseensi Kongireessii Kaaliforniyaa tokko Pirezedant Tiraamp aangoosaanii bu'aa siyaasaaf seeran ala itti fayyadamuun nageenya biyyatti rakkoorra buuusanii jechuun yaa'ii tokkorratti dubbatan.

Deeggarsa karaa humna waraanaa Ameerikaan Yuukireenif kenniti diduu fi Morkataan isaaniis akka qoratamuuf waamicha dhiyeessaaniiru jechuun yaa'ii kanarratti dubbatan.

Yaadni kun kan kennamees yaa'ii cufaan mariyatanirratti obboo Tiraampiin'aangoorraa kaafamuuf qophooftee? 'jedhanii miseensi Paartii warra Dimokiraatota kan biraan yaada kana dubbatan.

Seera baastonni biyyaatti gammachuudhaan 'eeyyee' jechuusaanii Asoosheeted pirees gabaaseera.