Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi nama ajjeesse 'mirga irraanfatamu' kabachiifate
Lammiin Jarman bara 1982'tti ajjeechaadhaan himatame ture, mirga maqaa isaa barbaacha internaataarraa akka haqamuuf iyyannaa dhiyeeffateen manni murtii olaanaa Jarman iyyatasaa erga ilaaleen booda murteesseera.
Mana murtii Heeraa Karlisruhe ture nama kanaaf kan murteesse.
Nama bara 1982tti namoota lama bidiruuratti ajjeesuun himatame hidhaan umurii gutuu irratti murtaa'ee ture.
Bara 2002tti hidhaarraa kan hiikamee namni kun maqaan maatiisaa yakkaa isaa irraa akka fagaatu barbaada.
Murteen kun dhabbileen maxxansa wantoota waa'eesaa intarneetarra jiran akka hin fayyadamne dirqisiisuu danda'a.
Namni kun bidiruu Apolloniyaa gara Kaaribiyaa deema ture irratti wal dhibdeen yeroo uumametti namoota lama rasaasaan ajjeese tokko immoo guddaa madeessee ture.
Yakkaa kanarratti dokumantariin TV fi kitaabni maxxanfameera.
Bara 1999tti gazeexaan Der Spiegel jedhamu odeeffannoo yakka nama kanaa kan bara 1982 fi 1983tti maqaa isaa guutuu waliin marsariitii isaa irratti maxxanse. Odeessaan kun ammallee barbaacha Google irratti salphaatti argama.
Namni kun odeessa kana bara 2009tti erga argee akka kaafamu gaafate. Kun mirga isaa kan sarbuufi 'eenyummaa isaa guddisuu akka hin dandeenye' wanta godhu akka ta'e himuusa ibsi manni murtichaa ni eera.
Himannaan kun jalqabara bara 2012tti sababa mirgi dhuunfaakee mirga uummaatiifi bilisummaa miidiyaarra hin caalu kan jedhuun mana murtii federaalaan hin simatamiin hafee ture.
Manni murtii heeraa garuu murtee kan geeddareera, kanaaf dhimmi kun gara mana murtii feedaraalaatti ni deebi'a.
Dhaabbilen maxxansaa galmee maxxaansa isaanii intarneetarra tursuu danda'u yoo gaafataman garuu kaasuuf ni dirqamu.
Dhimmi 'mirga irraanfatamuu' kan bayyee morkiisaa ta'eefi Gamtaa Awurooppaa (EU)fi 'Google' gidduutti wal dhabdee kan uumedha.