Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bilbilasaa 'Pixel' keessatti mudaa kan argeef Google 'baadhaasa' doolara miiliyoona 1.5 dhiyeesse
Dhaabati Google nama bilbiloota isaa irratti mudaa nageenya argateef 'badhaasa' doolaraa 200,000 ture gara doolara miliyoona 1.5tti guddiseera.
'Badhaasi' haaraan kun namoota bilbila Google, Pixel jedhamu keessatti meeshaa nageenya bilbilichaa eegu Titan M jedhamu irratti mudaa kan argataniif ta'a.
Bara 2015 irraa eegalee namoota nageenya bilbilaa qorataniif doolara miiliyoona 4 ol akka kaffaleeru hima.
Oggeeessoti nageenya garuu badhaasi kun namootni yakkamtoota irraa mallaaqa akk hin arganne godha kan jedhu irratti shakkii qabu.
Dhibbileen biroos kan akka Apple, Buzzfeed, Facebook fi Samsung, nama mudaa nageenya gabaaseef badhaasa ni dhiyeessu.
Dhabbileen hedduu mala badhaasaaf mudaa adamsuu jedhamu kana kan fayyadaman namootni mudaa kana yakkamtootatti gurguururra akka sirreefamaniif akka gabaasan jajjabeessuufi.
Baadhaasa doolara miiliyoona 1.5 kana fudhachuuf, qorattoonni meeshaa nageenya bilbila kanarra jiru irratti mala ittiin mudaa uumuu danda'an argachuu qabu.
Ogeessi tokko garuu gatiin badhaasa kanaa dabalamuun isaa amala baramee kana waan geeddaru miti jedhi.
"Akkuma dhaabni Apple badhaasa isa gara doolara miiliyoona 1tti guddisee, Google 'gabaa gurracha' [bakka itti yakkamtootatti mi'a gurguran] , kan yeroo kammittu maallaqa dabaluu danda'an waliin dorgomuu hin danda'u" jetti hoggantuun dhaaba nageenya 'Luta Security', Keetii Mosuriis.
Dhaabatni BBC's qoraattota nageenyaa mudaa akka adamsanii akka sirreefamuuf gabasaniif badhaasa ni dhiyeessa.
Ta'us garuu, fandiin dhaabbata miidiyaa kanaa uummatarraa waan ta'eef badhaasa maallaqaa osoo hin taane ' 'badhaasa BBC addaa ta'e' dhiyeessa.