Appiliin fedhii Raashiyaa guutuuf jecha danaa Kiraaymiyaa jijjiire

Appiliin fedhii Raashiyaa guutuuf jecha Kiraaymiyaa akka qaama Raashiyaatti agarsiise.

Kiraaymiyaan bara 2014 Yuukreen irraa fottoqxee of dandeesse. Ergasii qaama Yuukreenis ta'e Raashiyaa miti.

Amma garuu akka appilikeeshinii danaa ykn maappii mobaayiloota appilii irraa mul'atutti qaama Raashiyaa taateetti.

Bara 2014 Kiraaymiyaan Yuukreen irraa akka cittuuf Raashiyaan dhiibbaa guddaa uumaa turte, kunimmoo biyyoota addunyaarraa komii guddaa kaasiseera.

Appilikeeshinii Maappii ykn danaa fi haala qilleensaa mobaayiloota appilii irra jiru Raashiyaa taa'anii wayita ilaalan Kiraaymiyaa dabalatee naannaawaan sun hundi akka qaama Raashiyaatti kaa'amanii jiru.

Garuu Raashiyaadhaan ala taa'anii wayita ilaalan Kiriaaymiyaan qaama biyya kamiiyyuu akka taate hin mul'isu.

BBC'n bilbiloota iPhone hedduu Raashiyaa keessa jiran akka ilaaletti appilikeeshinii appilii gulaaluun gara fedhii Raashiyaatti deebisuuf yaaliin taasifamu bilbilicha rakkooof saaxilaa jira.

Appiliin ji'oota darban akkaataa danaa Kiraaymiyaa irratti mootummaa Raashiyaa waliin mari'ataa tureera.

Teekinooloojiin guddichi kun duraan Kiraamiyaa akka qaama biyya kamiiyyuu hin taaneetti kaa'ee ture.

Akka appilikeeshinii maappii ykn danaa mobaayiloota iPhone irra jiruutti Kiraaymiyaan qaama Raashiyaas kan Yuukreenis hin turre.

Erga mootummaa Raashiyaa waliin dubbatanii garuu Kiriimiyaan qaama Raashiyaa godhee baase Appiliin.

Akkaataa heera mootummaatti Kiraaymiyaa qaama Yuukreen godhanii mul'isuun yakka.

Danaa biyyootaa fi bakkoota garaagaraa mul'isuun kan beekamu Google Kiraaymiyaan qaama Raashiyaas ta'ee Yuukreen akka hin taanetti agarsiisa.