Bilbilli keessan balaaf isiin saaxilee beekaa?

Lammiin Raashiyaa tokko bilbilli dhaabbata Apple fedha saalaa walfakkaataaf na saaxilu isaatiif beenyaa naaf kanfalu qaba jechuun himannaa irratti bane.

Akka namtichi himmannaa Apple irratti bane kun jedhuutti, appii karaa bilbila harkaa iphone qabatee jiruun dhiira waliin quunnamtii saalaa raawwachuuf fedha akkan horadhu na taasisee jechuun komata.

Kanaaf saaxilamusaatiinis dhiibbaan xiinsammuu narra gaheera jechuun dhaabbaticha komata. Kanafuu kanfaltii beenyaa doolaara miliyoon tokkootuu naaf kanfalamu qabaata jechuun iyyata man murtiitti dhiyeefachuusaa, Ejjansiin oduu AFP gargalcha himannaa saa argeera jechuun gabaaseera.

Saalaa walfakkaatuun waliin quunnamtii raawwachuun biyya Raashiyaatti bara 1993 kaasee yakka ta'unsaa hafulleen, hanga ammaattuu jibbi namoota amala akkasii qabanirratti jira hawaasa keessa hundee gadi fageeffate mullata.

Himannaa baatii Fuulbaanaa 20tti iyyataa kanaan banameen akka ibsametti, maallaqa karaa intarneetiin dadabarfamu 'Crypto-currency ''GayCoin'' jedhamuutii wayita inni maallaqicha baasuuf jedheetti appii isatti ergamanuun amala kanaaf saaxilame jedhara.

Crypto-currency maallaqa calla dhugaa wayita ta'u, Bitcoin fi GayCoin ammoo gosuma maallaqa kanaa ta'e garuu kan karaa intarneetii qofa ittiin bittaafi gurgurtaan gaggeefamuudha.

Akka iyyataa kanaattis, maallaqni inni karaa intarneetii argachuuf gaafate baaksisa: ''osoo hinyaaliin yaada hinkenniin'' jedhu waliin dhufaaf.

Isaan boodas jedhan ''Dhugumatti osoon hinyaaliin attamiinan yaada kenna? jedheen yaaduun nama saalaan tokko taane kan biraa waliin quunnamtii saalaa gochuu yaale,'' jechuun barreesse iyyata isaa.

''Amma hiriyya akka kiyyaa dhiira ta'een qaba garuu kana attamiin maatii kootti akka himu hinbeeku,''

Kana malees jedha ''jireenyi kiyyaa garamalee badeera. Kana boodas gara isa duraatti gonkumaa waan deebii'u hinse'u'' jechuun yaaddoosaa ibseera.

''Jijjiramni amalaa kunis miidhaa xiinsammuu narraan qaqabsiiseera.''

Akka namni Saapizhat Gusnieva jedhamu kun jedhuutti appiin jedhame kun kan qaama sadaffaan eergame tu'ulleen ''kubaaniyaan Apple sagantaalee isaanitiif ittigaafatamummaa qabu.''

Manni murtiis iyyata kana dhagahuuf Onkoleessa 17 beelameera.

Dhaabbanni Apple midiyaalee kanarratti yaadaa akka kennuuf gaafatamuus deebii homaa hinkennine.