DR Koongoo:Xiyyaarri mana namootaa irratti kufuun namootni baay'een lubbuu dhaban.

Madda suuraa, Reuters
DR Koongoo magaalaa Gomaa jedhamtu keessatti xiyyaarri imaltoota qabatee imalaa turte mana jireenyaa irratti kuftee caccabuun lubbuun namoota 27 darbuu qondaaltotni naannichaa himaniiru.
Namoota lubbuu dhaban keessaa namootni sagal maatii tokko keessaa yoo tahu xiyyaarichi yeroo mana jireenyaa isaanii irratti kufu mana keessa turan.
Xiyyaarri xiqqoon kun buufata xiyyaaraa magaalichaa irraa akkuma kaateen kuftee kan caccabde yoo tahu sababani isaa hanaga ammaatti hin baramne.
Xiyyaarittiin imaltoota 17 fi garee balaliistotaa lama qabattee ture.
Balaan xiyyaaraa DR Koongoo keessatti waan barame yoo tahu sababa hanqina qulqullina tajaajilaa irraa kan ka'e biyyoota Awurooppaa keessatti tajaajila akka hin kennine dhorkamaniiru.
Hanqinni suphinsaa rakkoo tokko akka tahes himama. Xiyyaarri kun kan kamapaanii dhuunfaa Busy Bee jedhamuu yoo tahu gara Kaaba magaalaa Goomaa magaalaa Beenii jedhamtuutti balali'aa turte.

Madda suuraa, Reuters
Namni ijaan arge Dijamee Medar jedhamu xiyaarittiin qilleensa irratti si'a sadii ofirra naanna'uun aara guddaa erga gadhiistee kufte.
''Akkuma argineen fiignee deemne. Paayileetiicha ni beena. Maqaan isaa Dideer jedhama. Na gargaaraa jedhee iyyaa ture. Garuu abiddichi hamaa waan taheef itti siiqnee gargaaruu hin dandeenye,'' jechuun Rooyitarsitti hime.
Maddeen akka jedhanitti immoo injiinii xiyyarittiitu rakkoo godhate. Ammayyuu namoota meeqatu yeroo xiyyaarichi kuf mana keessa jira kan jedhu adda bahee hin baramne.

Madda suuraa, Reuters















