Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dr Boggaalech Gabree: 'Hawaasa akka doofaatti fudhachuu hin qabnu'
Daa'imummaa isaaniitti sababa kittaanamuutiin dararaan guddaan irra gaheera. Obbolaa isaanii dubartootaa lama sababa kittaannaatiin du'aan of biraa dhaban.
Butiin yeroo sadi irratti yaalamee miliqaniiru. Dubartiin hin barattu barsiifata jedhuun carraa barnootaa akka hin argannes dhorkamanii ture.
Haa ta'u malee haati isaanii dhoksanii mana barumsaa isaan galchan.
Bishaan waraabuuf manaa bahanii, bishaan daggala keessa dhoksanii daree barnoota seenu. Abbeerri isaanii dhoksaan isaan gargaaraa akka ture himama.
Wayita kutaa afur gahan barachaa jiraachuun isaanii saaxilame. Biyyis akka waanti raajii dhalateetti uggum jedhe.
Namoonni hedduun 'Boggee' jedhanii kan waaman Dr Boggaalech Gabree yeroo dubartii barnootaan kutaa 4 gahan kan jalqabaa turan.
Barnooti deeggarsa haadha isaaniitiin dhoksaan eegalan hanga Ameerikaa isaan geesseera.
Biyya Isiraa'elitti carra barnootaa argatanii yuunivarsitii Hibruu irraa 'Micro-biology' fi 'Physiology' qorataniiru.
Yuunivarsiitii Kalifoorniyaa irraa ammoo gosa barnootaa 'Epidemiology'n digirii sadaffaa argataniiru.
Bara 1989 A.L.I gara biyyaa deebi'anii bakka dhaloota isaanii Godina Kambaataa Xambaarrootti dhaabbata gargaarsaa miti mootummaa dubartootaa Kambataa 'Kambaati Meenti Geezmaa' ykn KMG jedhamu hundeessan.
Dhaabbatichi dubartoota naannoo sanaa kuma 200 ol kittaannaa irraa baraaree jira.
'Dubartiin hin kittaanamne dhirsa hin argattu' sababa jedhamuuf daran hammaataa kan ture kittaannaan dubartootaa gara dhibbeentaa 3 qofatti akka gadi bu'u gochuus danda'aniiru.
Hawaasaa naannicha bira darbee sadarkaa biyyaatti beekamtii fi jaalatamummaa guddaa kan horatan Dr Boggaalech, Wiixata darbe addunyaa kanarraa du'aan boqotaniiru.
Biyya Ameerikaatti yaalamaa erga turanii booda kan boqotan.
Duuti isaanii rifaasisaa ture jedhu hojjetaam dhaabbata KMG Obbo Balaay Adimaasuu.
"Hojiirra osoo jiranii gara Ameerikaa deeman. Du'a isaanii yoo dhageenyu amanuun nu rakkise," jedhu.
Humnaa fi beekumsa qaban hundaan mirgaa fi faayidaa dubartootaaf qabsaa'aa akka turan dubbatu Obbo Balaay.
"'Hawaasni doofaa miti, beekumsa qaba. Wanti hawaasa irraa barannu hedduudha, akka doofaattti isaan lakkaa'uu hin qabnu' ejjennoo jedhu qabu turan, kun baay'ee na ajaa'iba" jedhu.
Pireezidantiin mana murtii waliigalaa Federaalaa Aadde Ma'azaa Ashannaafii gaddi itti dhagaa'amuu 'twitter' irratti barreessan.
Dubartoonni ija jabinaan kittaanamuu akka didan godhaniiru, waan ittiin yaadatamanis kaa'anii darban jedhan.
Barmaatilee boodatti hafoo miidhaa namarraan geesisan hambisuuf hojii hojjetaniin Ameerikaa dabalatee biyyoota adda addaa irraa badhaafamuu isaanii namoonni isaan beekan ni himu.
Biyya keessattis bara 2008 badhaasa 'Bego sewu' injifataniiru.
Sirna awwalcha isaanii lafa dhaloota isaanii Kambaataa Xambaarrootti akka raawwatu Obbo Balaay BBC'tti himaniiru.