Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaa Deelhii: Faalama qilleensaaf jecha konkolaataa dabareen oofuuf dirqaman
Magaalaa guddoo Indiyaa Deelhii keessatti faalama qilleensaa hammaataa ta'e qolachuuf jecha aanga'oonni mala malan - sunis namoonni konkolaataa dabareen akka oofan gochudha.
Namoonni konkolaataa dhuunfaa lakkoofsa gabatee hir'uu fi guutuu qaban dabareedhaan, har'a Wiixata irraa eegalee hanga Sadaasa 15 dabareedhaan oofu.
Gaaf tokko warri gabatee lakkoofsa hir'uu gaaf itti aanuu warra gabatee lakkoofsa guutuuti oofa.
Gidduutti guyyaa tokko konkolaataa isaanii dhaabuun dirqama jedhu aanga'oonni.
Sirna kana Indiyaan bara 2016 fi 2017 hojiirra oolchitee turte garuu bu'aa buusuun isaa wanti beekame hin jiru.
Hammi paartiikiloota miidhaa namarraan gahan PN2.5 jedhaman qilleensa Deelhii keessatti argamu kan gorfamuun daran olidha.
Rakkoon faalama qilleensaa kun lammilee biyyattii miliyoonotaan lakkaa'aman dhukkuba sirna hargansuuf saaxilee jira.
Ogeeyyiin fayyaa namoonni akka manaa hin baanee fi sochii qaamaa akkamiiyyuu akka hin taasifne gaafataniiru.
Manneen barnootaa hanga Kibxataatti akka cufaman ajajamee ture, tarii hanga Jimaataa cufamee turuu mala.
Konkolaataa dabareen oofuun kun konkolaatota kuma dhibbaan lakkaa'aman daandiirraa hambisa jedhu aanga'oonni Deelhii.
Namni seericha cabsee guyyaa isaa malee daandiirratti argame hanga birrii 1500 adabama.
Konkolaatota balaa tasaa, taaksii, motoraa fi saayikilii qofaaf guyyaa hunda deemuun hayyamama.
Aanga'oota olaanoo, dippiloomaatotaa fi dubartii qofaa ishee ooftu yoo taates ni hayyamamaafi.
Qondaalonni poolisii dhibba hedduutti lakkaa'aman hojiirra oolmaa seera kanaa hordofuuf bobbaafamanii jiru.
Falli kun faalama qilleensaaf furmaata waaraa ta'uufi dhiisuu isaa shakkii guddaatu jira.
Kanaan duras hojiirra oolee konkolaataan karaa irratti wal dhiphisuu fure malee faalama qilleensaa hagam akka hir'ise hin beekamne.
Faalamni qilleensaa kun waggaa waggaan yeroo kana kan hammaatu yoo ta'u sababni isaa ammoo qonnaan bultoonni naannoo magaalattii oyiruu isaanii qulqulleessuuf jecha waan irratti hafewaan gubaniifi.