Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qonnaan bultoonni Dachi tiraaktaraan hiriira mormiif daandiitti bahan
Qonnaan bultoonni Dachi tiraaktar oofan ''beekamtii hanga nuuf malu hin arganne jechuun daandiitti bahan Kibxata darbe hiriira bahan.
Hiriirrii mormii tiraaktaraan gaggeefamee kunis sa'atiin hojii ganamaa irratti karaa cufuun muddama kana dura mul'atee hin beekne uuman jechuun dhaabbanni motooraa ANWB jedhamu gabaasee jira.
Ganama karaan km 1136 dheeratu sababii tiraaktaroota kanaan cufamee ture.
Qonnaan bultoonni kunneen isa rakkoo aara naayitiroojiin oksaayidiidhaaf bal'inaan itti gaafatamoo dha jedhamaniif dheekkamsaan ka'an.
Horsiisee bultoota milkaa'oo hin taane akka cufamaniifi faalama qilleensaa hir'isuuf immoo tarkaanfiin fudhatamuu gabaasni ni hima.
Qonnaan bultoonni kunneen garuu xiyyaaroti sakatta'a kana bira darbamaa nuti saaxilamoo tahaa jirra jedhaniiru.
Tiraaktaroonni kunneen ganfatanii ture karaatti kan bahan, dallaafaa caccabsaa darban. Miidiyaan biyyattii NOS sababii kanaan namoonni sadii hidhamaniiru
Mormii kanarratti qonnaan bultoonni kumaa ol hirmaataniiru. Mormichi wiirtuu lafa paarlaamaan Daach jiru Za Heegitti taasifame.
Kantiibaan Heeg Paawuliin Kirikkee ''balaan akka hin uumamne'' jechuun akeekkachiisaa turan.
Suuraawwan olka'insarraa kaafaman akka agarsiisanitti tiraaktaroonni danuu qarqaraa galaana magaalattii dhaabbatanii turan. Mormii kanaan balaan uumame hin turre.
Iddoo mormiitti
Ibsaa keelloo, faagaaa konkolaataa afuufamutu dhagahama, eragaan isaanii ifa ture.
''Qonnaa bulaan hin jiru, nyaatni hin jiru, daabboofi foon jaalatta qonnaan bulaan yoo hin jiru tahe garuu aragachuu hin dandeessu'' jedhan dhaadannoon isaanii.
Qonnaan bultoonni kuneen mootummaan sababii jijjiirama haala qilleensaa jedhuun qonna isaanii irratti ija keewwateera yaaddoo jedhu qabu.
''Miidiyaa irratti akka malee maqaan keenyi dhahamaafi komatamaa jirra, jijjiirama haala qilleensaaf unutu ceepha'amaa jira garuu xiyyaaroti garuu qonnaan bultoota caalaa naannoo faalu, waa'ee isaanii namni dubbatu hin jiru,'' jechuun qonnaan bulaan ganna 17 Viinsent BBCtti himeera.