Tarkii-Siiriyaa: Tiraamp mariin booda guyyoota sagaliitti qoqqobbi kaasan

US qoqqobbbii Tarkii irra keessee turte guyyoota sagal booda kaasuushee Pirezidant Donaald Tiraamp beeksisan.

Murteen isaanii kunis erga Raashiyaan Tarkii waliin looltoota daangaa Siiriyaarratti boobbaasuuf waliigaltee boodadha.

Tarkiin erga Ameerikaan osoo hinyaadamiin loltootashee daangaa Kaaba Siriyaatii baasuuf morteessiteen booda ture humnoota Kurdii haleeluu kan eegalte.

''Mee namni ta'ee waraan dhiigaa itti lola'u kan haa waraanu'' jedhaniiru ibsa TV irratti Waayit haawusii taasisaniin.

Innins osoo Tarkiin michuu Ameerikaa kan turan Kurdii irratti xiyyeeffattee jirtuu loltoota baasuu isaatiif warra Dimokiraatootaa fi Rippaablikaanotaa lamaaniinii baayyee qeeqamaa jira.

Tarkiinis baafamu waraana Ameerikaa akkuma mirkanneeffatteen milishoota Kurdii kan ishaan shororkeessitoota jettuun irratti haleellaa Onkolooleessa eegalte turte.

Pirezidaanti Tiraamp maal jedhe?

"Yoo wanti nuti itti hingammannee kan biraa uumame malee qoqqobbichii ni ka'a,'' jedhan Tiraampi ibsa isaanii Roobitiin.

Tarkiinis akka waraanni naannicha keessatti hingaggeeffamne fi waliigalteen dhukaasa dhaabu tibbana taasifame akka itti fuftu naaf mirkanneessite jirti jedhaniiru.

Tarkiin naannoo daangaa amma waraanni itti adeemaa jirutti baqattoota Siiriyaa miliyoonaan lakkaa'amaniif lafa 'nageenyaa' mijjeessuun barbaada jechaa jirti.

Booda keessas Ministirri qabeenyaa Ameerikaa qoqqobbii ministiroota Ittisaa fi Anniisaa akkasumas qondaaltoota olaanoo Tarkii irra kaa'amee ture kaafameera jedheera.

Pirezidaanti Tiraampi guyyaa Roobii akka jedhanitti waraanni 'baayyee muraasa'' akka ijaarsawwan boba'aa eeganiif achuma akka turan ta'a.

Akkasumas Tarkiidhaan akka milishoota IS hingallee mirkanneessaniifi akkasumas gareewwan shororkeessitootiin Jihaadistootaa deebii'anii Siiriyaa keessatti akka hincimnee akka mirkaneessaniif adaraa jedhaniiru.

Qondaalli olaanoon bulchiinsaa tokkos kana dura hidhamtoonni IS 100 ol ta'an walitti bu'iinsa Tarkii waliin uumameen kan bahan yoo ta'u, eessa buteensaanii garuu hinbaramne.