Ogganaan Tarkii Erdoogaan mataa loltoota Kurdootaa akka buruqsuu dhaadate

Pirezidaantiin Tarkii Taayib Erdoogaan loltoonni Kurdii yoo guyyaa kaa'ameef keessatti kaaba Siriyaatii godina nagaa akka ta'uuf karoorfame keessaa bahu baatan, 'mataasaanii buruqsina' jechuun dhaadataniiru.

Tarkiin guyyaa Kamisaa loltoonni Kurdi akka naannichaa bahan dandeessisu halleellaa guyyoota shaniif akka dhaabdu waliigaltee turte.

Haa ta'u malee guyyaa Sanbataa gareen lamaanuu waliigaltee dhukaasa dhaabuu diiguuf wal himataa turan.

Ankaaraan humnoota Kurdii akka shororkeessaatti waan ilaaltuuf Siriyaa keessatti 'godina nagaa' uumuu barbaaddi.

Dhukaasa dhaabuuf yeroof waliigalamulleen waldhabdee keessattii gama magaalaa daangaa kan taate Ras-al Ain keessatti itti fufeera.

Erdoogaan maal jedhan?

Guyyaa Sanbataa magaalaa jiddu gala biyyattii Kaayserii keessatti haasaaa karaa TVn taasisaniin, Pirezidaanti Erdoogaan loltoonni Kurdi hanga guyyaa Kibxata galgalaatti akkuma waliigalameetti yoo bahu baatan, ''bakka itti dhaabbannee irraa eegaluun mataa shororkeessitootaa buruqsuu itti fufna,'' jedhaniiru.

Oganaan Tarki torban dhufaa keessa pirezidaantii Raashiyaa Viladmiir Putiin waliin ni mari'atu. Guyyaa Sanbataa mariiwwan kunneen fala kan hinqabaanne yoo ta'an, Tarkiin 'karoora mataashee hojiirra olchiti,'' jedhaniiru.

Ministirri Raayyaa Ittisaa Tarkii humnootiin Kurdi sa'aatiiwwan 36 darban keessatti haleellaa dubbii barbaachaa 14 taasisuusaanii himantaniiru.

Baayyeen haleellaa kanneenis Ras Al Ain keessatti yoo ta'u, humnootiin Tarkii garuu waliigaltichaan abboomamuuf jalaa callisaniiru jedheera.

Haa ta'u malee, Humnootiin Dimokraatawaa Siriyaa kan Kurdootaan Ogganamu (SDF), Tarkiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu diguushee himateera.

Isaanis waranni Tarkii karaa siviloonnii fi namoonni magaaloota haleellaan keessatti raawwatamu keessatti miidhaman itti baqachuu danda'an kennuu diduusheetiif himataa jiru.

Guyyaa Sanbataa Warri SDF itti aanaa pirezidaantii Ameerikaa Maayik Peensi- kan akka dhukkaasni yeroof dhaabbatu jaarsummaa gaggeesse, akka karaa siviloonni ittiiin bahan akka kennittuuf Tarkii irratti dhiibbaa akka taasisuuf gaafatanii ture.

''Karaa Ameerikaatii mariin walitti fufiinsaan taasifamuun rakkina kana hiikuuf waadaan galamulleen, qabatamaan wanti raawwatame tokkolleen hinjiru'' SDF ibsa isaatiin akka eereetti.

Dubbi himaan pirezidaantii Tarki Ibdiraahim Kaaliin akka jedheetti, isaan humnootiin Kurdii bahamiif Ameerikaan dhiibbaa akka taasiftu barbaadu.

''Hiriyyoota keenya Ameerikaa walitti dhufeenya isaaniitti gargaaramuun akka balaa takka malee bakkichaa akka bahan akka taasisan barbaadna,'' jechuun AFP'tti himan.

Dhaabbanni Mirgoota Namoomaa Siriyaa, UK keessatti bu'urreeffate (SOHR) deeggarsi namoomaa akka hintaasifamneef karaa Ras al Ain daandiin galmaa dhorkameera jedha.

Akka dhaabbata kanaattis lakkoofsi siviloota haleellaa Tarkiin ajjeefaman 86 gaheera jechuun Jimaata darbe ibsaniiru.

Akkasumas namoonni 160,000 hanga 300,000 ta'anis erga haleellaan kun eegale guyyoota 10 darban keessatti qee'esaanii irraa baqataniiru.