Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namni lubbuun hin jirre dogogoraan miseensa boordii Keeniyaa ta'uun filame
Biyya Keeniyaatti namni lubbuudhaan hin jirre tokko dogoggoraan miseensa boordii fiilmii biyyattii ta'uun filame.
Akka aanga'oonni himanitti namni miseensa boordii akka ta'uuf filame kun booda yeroo hubatamu waggaa tokkoon dura kan du'edha.
Namni kun maqaan isaa Roobart Kochaalee kan jedhamu yommuu ta'u, waggaa tokko dura du'aan boqotanis miseensota boordii sadarkaa fiilmii ramaduu sadii keessaa tokko ta'uun ture kan filataman.
Qaamni sadarkaa fiilmii Keeniyaa ramadu kun siniimaawwan, televijiiniiwwaniifi raadiyoowwan qilleensarra oolan mara qabiyyee isaanii kan hordofudha.
Lammiileen Keeniyaas waltajjiiwwan miidiyaalee hawwaasaarrati bahuudhaan mootummaa isaanii akkaan qeeqaniiru.
Kun jedhan lammiileen qeeqan kunneen, hangam dhibaa'ummaa guddaadhaan mootummaan Keeniyaa dhimma biyyaa ilaalu agarsiisa jedhan.
Dura Ta'aa Boordichaa kan ta'an Obbo Izqeel Mutuhaa garuu, "Wanta baayyee waa'ee hin baasne kaastanii akka malee ol-kaastanii hafarsitu," jechuun warra qeeqan abaaraniiru.
Lammiileen Keeniyaa garuu haala Dura Ta'aan kun itti waakkatan hin liqimfamneef.
Namoonni tokko tokko dhimma addaa kolfa ittiin uummataniifi, baacoo ho'ifatan taasifataniiru.
Dhimmichaa kaasanii kan qoosan keessaa tokko akkas jedha: "Namni du'e kun osoo hin muudamiin dura hayyamamoo ta'uu isaanii gaafataniiruu laata?"