Maatiin waggoota sagaliif 'dhuma baraa' eeggataa turan poolisiin baraaraman

Biyya Neezarlaandiitti maatii waggoota sagaliif kutaa lafa jalaa keessatti 'dhuma baraa' eeggataa turan jedhaman tokko erga namni tokko isaan keessa dhugaatii bitachuuf mul'ateen booda hordooffii poolisiin taasiseen argamaniiru.

Gabaasi akka ifa taasiseetti, ga'eessi waggaa 58 fi miseensonni maatii ijoollee umuriinsaanii waggaa 18 hanga 25 keessatti argamu naannoo qonnaan bultootaa qe'ee Direentee jedhamu keessa jiraatu.

Kan argamanis erga ilmi angafti dhugaatii biiraa mana dhugaatii mandara dhiheenya isaanitti argamu Ruunerwaaldii akka bituuf ergameen booda ture.

Innis akka deeggarsa barbaadu hojjattootatti himuu dhaabbanni miidiyaa RTV Direentee gabaaseera.

Namtichi dulloomaan to'annoo jala oolfamees jalqaba abbaadha jedhamee kan yaadame ture yoo ta'u, booda garuu dubbichi akka akka hintaane kantiibaan naannichaa Roojar de Girooteen himaniiru.

Akkasumas abbaa qabeenyaa lafa qonnichaas miti jedhachuun ''kana dura waan kana fakkaatu kan biraa gonkumaa argee hinbeeku,'' jedhameera Obbo de Giroot.

Midiyaan hawaasaa akka jedheettis, maatiin kunneenis dhuma baraatiif kutaa qofaa keessa jiraataa turan. Gabaasni hin mirkannoofne akka jedheettis abbaan ijoollee kanneenis namoota baafaman keessatti argaman.

Abbaan qabeenyaa mana dhugaatii Kiriis Westerbeek attamiin akka namtichi biiraa shan ajajachuun dhuge ibseera.

''Isaan boodas waliinan haasofnaan baqatee bahuufi akka gargaarsa barbaadu natti himan.. achiin poolisii waameef'' jedheera.

Itti dabaluunis, ''Innis rifeensa dheeraafi areeda xuraa'aa, akkasumas uffata dulloomee kan uffateefi waan bitaa itti gale fakkaata.

''Mana barnootaa gonkumaa deemee akka hinbeekne kan hime yoo ta'u, waggoota sagaliif bakka mana rifeensi itti sirreefamu deemee hinbeekus jedheera.''

"Innis obbooleettiifi obboleessa lafa qonnaa sanarra waliin jiraatan akka qabu dubbateera. Innis angafa akka ta'eefi haala itti jiraatan kun akka geeddaramu akka barbaadu himeera.''

Qondaaltonnis mana qonnaan bultootaa baadiyyaatti argamu dowwachuun sakkatta'insas gaggeessaniiru. Isaan boodadha kan kutaa lafa jalaa bakka maatiin kun itti dhokatanii jiraataa turan kan adda baasan.

Qe'een Runeerworlid ummata kuma sadii gadii qabdi. Lafti qonnaa kunis qe'ee kanaan alatti kan argamu yoo ta'u, riqiichaan bira gahama.

Lafti qonnaa walakkaansaa mukkeen dhaabbatanii jiraniin dhokatees ashaakiltiiwwan hedduufi re'oota qaba.

Ollaan tokko midiyaatti akka himeettis, maasaa qonnaarratti nama tokkicha qofaa malee daa'ima argee hin beeku jedheera. Akkasumas, beeladoonni kan akka saree fa'i jiraachu himeera.

Ergamaan poostaa naannichaa gonkumaa achitti ergamee kan hinbeekne ta'u himeera. ''Kunis waan hinbaramneedha. Anis amman waan isaa yaaduu eegale,'' jedheera.

Jiraattonni naannichaas oduu kana ilaalchisuun ergaa tiwiitaraa barreessaniin suuraalee lafa qonnichaa maxxansiiru.

Polisiinis namni umuriin waggaa 58 to'annoo jala olfamusaa fi waan wal ta'u dideef qorannoon irratti gaggeefamaa jiraachu himaniiru.

"Kaleessa ture namoonni haalli namoonni kunnnen itti jiraataa jiran isaan yaaddeessuu kan nuuf gabaasan'' jechuun tiwiitararratti barreessaniiru.

''Achiinis deemnee ilaalleera.''

''Gaaffiiwwan deebii hinargatiin hedduu qabna,'' jechuun, haalichi ifa taa'eera waan ta'eef qorannoo gaggeeffamaa jiraas jedhaniiru.

Maatiin kun attamiin bara dheeraaf kutaa lafa jalaa keessa jiraataa akka turan ykn haadha ijoolee maal akka mudate wanti ifa ta'e hinjiru. Kantibattiin garuu waggoota muraasaan dura dutee jirti jettee jirti.

Gabaasaaleen tokko tokkoos namtichi umuriin isa waggaa 58 ta'eefi amma to'atame kunis dhiibbaa dhiigaa waan dhukkubsatuuf sireerratti hafuusaa himu.