Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaa: Kaaroolaayinaa Kibbaatti dubartiin naachaan ajjeefamte
Dubartiin ganna 45 lammii Ameerikaa, Kaarolaayinaa Kibbaa- Odola Hilton Head keessatti midhaa naachi irraan gaheen ajjeefamte.
Wiixata ganama keessa poolisiin waamichi dubartiin tokko miidhamuu dhaqqabeen gara naannichaa deeman.
Dubartiin lubbuun darbe kun Kaasaandraa Kilaayin kan jedhamtu wayita tahu, erga bishaan keessaa harkisanii baasan booda lubbuun dabarte.
Namoonni wayita wanti kun tahu ijaan argan waan jedhan, naacha dheerinnisaa meetira 2.4 tahu kana jalaa sareeshee baraaruuf yaalii wayita taasisaa turtetti miidhaan irra gahe. Sareen kunis osoo hin miidhamin hafeera.
Waajjirri poolisii akka jedhetti, poolisoonni naacha lubbuu dubartii kanaa dabarseera jedhan ajjeesaniiru.
Iddoo dubartiin kun jiraachaa turtee fi itti ajjeefamte Riisortiin Sea Pines jedhamu ibsa baaseen waan jedhe, ''oduu kana dhagahuu keenyaan gadda guddaatu nutti dhagahama.''
Ji'oota muraasaan duras namni ganna 47 saree waliin bashannanaa turan, Filooridaatti naachaan miidhaan irra gaheera
Biyya keenyattis Naannoo Sabaa, Sablamootaafi Uummatoota Kibbaatti Hora Abbayaa naannawaa Aarbaa Mincitti paasteriin amantoota cuuphaa turan Aarbaa Mincitti paasteriin amantoota cuuphaa turan naachaan ajjeefamuu isaaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.
Miidhaan ammaa kunis Kaarolaayinaa Kibbaa keessatti waggoota kurnan darban keessatti isa jalqabaati jedhameera.