Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kiipchoogee waliin fiigiicha dorgomtuu?
Dorgommiin Kipchoogee harraa qofaa isaa osoo hintaane lammiilee Keeniyaa hundaafi dhimma jireenyaa ykn du'aa akka ta'eetti eeggamaa duran amma mo'ateera.
Abbaa riikardii addunyaa kan ta'e atileet Aliiyud Kiipchoogeen dorgommii harra Ostiriyaa Veenaatti taasiseen fiigiicha maaraatoonii sa'aatii lamaa gadiinan xumuruuf dhaadateen amma sa'aatii 1:59: 40 xumuuruun dandeettiisaa agarsiise.
Dargaggeessi umurii 34 kunis karoora isaa akka galmaan gahuuf dadndeessisuuf dorgomtoonni waliin fiigan hedduun kan qophaa'aniif yoo ta'u, karoora isaa maaraatonii sa'aatii lamaa gadhiin fiiguu kanaafis moggaasni 'INEOS 01:59 Chaallenge' jedhamu kennameefiira.
Ofii keessaniin Aliiyud Kiipchoogeen dorgomsiisaa. Fageenya km 42 osoo isiin waliin dorgome sadarkaa meeqaffaan xumurtu laata? Mee of ilaalaa.
Dursa magaalaa filadhaa!