Paarkiin Tokkummaa maalfaa of keessaa qaba?

Paarkiin Tokkummaa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa keessatti ijaarameef birriin biiliyoona shan ta'u baasii itti ta'e bakka aanga'ootni mootummaa olaanoofi biyyoota ollaa argamanitti eebbifameera.

Maddi maallaqa kanaas deeggarsa mootummaa Yunaayitid Arab Imireets UAE ta'uutu himame.

Paarkichi hawwataalee tuurizimii ijoo sadi of keessaa qaba. Isaanis hambaalee seenaa, qabeenya uumamaa fi qabeenya aadaati.

Hawwata Seenaa

Gamoowwan seena qabeessaa paarkicha keessatti argaman manneen jireenyaa fi manneen hojii mootota biyyattii duraanii bara 1880'n irraa eegalee ijaaraman fi dhiyeenya kana haaromfaman of keessaa qaba.

Galma affeerraa mootii Minilik. Mootichi galma kana keessatti affeerraa soorataa taasisaa turan. Dhiyeenya kanas misooma qarqara laggeenii magaala Finfinneef sagantaa 'Gabataa lashaggar' jedhamu affeerraan irbaataa qarshii miiliyoona shanii galma kana keessatti adeemsifame. Cidhi intala ministira muummee duraanii Haayilamaaram Dassaalanyis galmuma kana keessatti raawwatame.

Gamoowwan kunneen hanga ammaatti al sadi haaromfamuu isaanitu himame. Innis bara 1963 mootii Haayila Sillaaseen, kabaja ayyaana wagga kurnaffaa mootummaa Dargiin, akkasumas bara 2014ti immoo dhaabbata Vaarneeroo jedhamun haaromfaman.

Haa ta'u malee hojiin haaromsuu fi misoomsuu daawwatootaaf banaa gochuuf hojjetame dhiyeenya kana kan hojjetame qofa dha.

Gama bitaan waajjira fi mana kadhannaa mootii Minilik. Mirgaan immoo maana jireenyaa mootichaati. Mootichi gamoo kana naannaa Finfinee ilaaluufis itti fayyadamaa turan.

Gamoo bara mootii Minilik ajajootni waraanaa mootii Minilik walin beellama qaban itti turan.

Gamoo kana keessas baay'inaan ministira waraanaa kan turan Fitaawraarii Habtagiyoorgis Diinagdee akka turan himama.

Mana Goonfoo. Gamooon kun bara mootii Haayila Sillaasee mootota fi diplomaatota biyyaalee garaagaraa simachuuf tajaajilaa ture.

Keessummoota gamoo kana keessatti simataman keessaa mootittii Elisaabet lammaffaa bara 1965ti, pireezidaantii Fraans Chaarlis Dagool bara 1966ti akkasumas preezidaantiin Yugozlaaviyaa Tiitoo bara 1956ti ni argamu.

Mootummaan Dargii darbii lafa jalaa gamoo kanaa angawoota mootii Haayila Sillaasee keessatti hidhuu fi dararuuf itti fayyadamaa ture.

Hawwata Uumamaa

Hawwataaleen uumamaa Paarkii Tokkummaa adda dureen dawoo leenca gurraachaa, dawoo jaldeessaa fi akuwaariyamii qurxummiiti. Dawoon bineeldotaa kun gosoota bineeldotaa 46 kan walumaagalatti lakkoofsaan 300 ta'an of keessatti qabata.

Paarkiin kun iddoo sooratni bineeldota kunneenii itti qophaa'u fi mana yaalaas of keessaa qaba.

Dawoon bineeldota bosonaa kun Mudde 2019 guutummaatti hojii eegala.

Hawwata Aadaa

Hawwata aadaa Paarkii Tokkummaa keessatti ijaaraman, kan aadaan sabaaf sablammoota biyyattii keessatti mul'atani dha jedhameera.

Haalli ijaarsa manneen sabaaf sablammootaas aadaa, diinagdee fi haala jiruf jireenya uummattootaa bu'ura kan godhate ta'uutu himame.

Paarkii kana keessa manneen naannolee biyyattii bakka bu'an kan jiran yemmuu ta'u, naannoleen kunneenis hambaalee fi barreeffamoota seenaa fi aadaa isaanii agarsiisan keessatti akka agarsiifatan taasifama.

Viidiyoon daqiiqaa sadi ta'u fi manneen kunneen keessatti agarsiifamus waa'ee hawwata tuurizimii dabalatee aadaaf seenaa sabaaf sablammootaa daawwattootaaf hubannoo kan laatu dha.

Manduubeen gosoota biqilootaa of keessatti qabate fi haalli teessuma lafaa uumama biyyattii agarsiisus qe'ee paarkichaa keessatti argama.

Paarkichi Yoom Daawwatama?

Paarkiin Tokkummaa yaada Ida'amuu 'Maddamar' ministira muummee Abiy Ahimad bu'ura godhate jedhamu kun wantoota gaggaarii qabatanii deemuu, kanneen badaa ta'an immoo hambisuun kan hojjetame ta'uutu himama.

Paarkichi har'a ebbifamee, miseensoota poolisii fi raayyaa ittisa biyyaa akkasumas hojjettoota dhaabbilee mootummaan daawwatama.

Sanbata xiqqaa maanguddootni fi namootni daandii gubbaa jiraatan akka daawwatan taasifama.

Dilbata dabareen kan dargaggootaati. Sana booda hawaasa maraaf banaa ta'a.

Yeroo ammaatti paarkichi guyyaatti namoota 1,000 hanga 1,500 ta'an qofaan akka daawwatamu murtaa'e.

Yeroon daawwanaaf banaa itti ta'us ganama sa'aa 4:00 irraa eegalee hanga sa'aa 10:00ti yemmuu ta'u gosootni tikkeettii daawwannaa lama qophaa'aniiru.

Inni tokko qarshii 200 kan kaffalchiisu inni VIP jedhamu immoo birrii 1,000tu itti kaffalama. Namootni birrii 1,000 kaffaluun daawwatan kutaalee hambaaleen garaagaraa keessa jiran fi kan namootni biroon daawwachuu hin dandeenye daawwachuu danda'u.

Paarkichi iddoo taphaa daa'immaniis kan qabu dha.