Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Masaraa faayuu keenyaaf maallaqni nuuf kanfalamu hinjiru’
Ministirri Mummee erga gara aangootti dhufanii booda hojjiiwwan gurguddaa akka raawwatan ibsan keessaa tokko Masaraa biyyaalessaa haaromsuun dowwattootaaf ifa taasisuudha.
Haaluma kanaanis hojiileen ijaarsaafi haaromsichaa eegaluu ilaalchisee dokmantariin dhiheenya kana waajjirasaanitiin qophaa'ee tokko mulliseera.
Hojiin haaromsaa kunis ALI Fuulbaana 30, 2012tti xumuramuun daawwatootaaf saaqaa akka ta'u ibsameera.
Gareen oggeessoota dallaa masaraa kana keessatti hojiiwwan haaromsaafi bakka bashannanaa magariisaa irra hojjatan keessaa qorattuun hambaa (archeology) Maskaram Assaggid fi oggeessi ogummaa harkaa Eliyaas Simee kanneen eeraman keessaayi.
Isaanis haaluma waamicha ministira Mummee Dr Abiyyiin isaaniif dhiyaateen kan oggumaasaanii gumaatuuf gara masaraa dhaqu dubbatu.
Carraa ittiin gara masaraatti affeeraman yoo himanis, ministirri mummee wayita dowwanaaf gara lafa dowwannaa 'Muzeeyimii Zomaa'' dhaqanitti haala hojiisaanii waan jaalataniif, akka bifa mana barnootaa ogummaa Finfinnee geeddaraniif gaafachuun agarsiisuuf fudhanii deeman.
Isaaniis hojicha battalumaan akka eegalan dubbatu. Osuma hojii sanarra jiranu ture akka gara masaraatti darbaniif gaaffiin kan dhiyaateef.
Hojiin mana baruumsichaa gutummaatti akka hinxumuramiin kan dubbatu Maskaram, ''Isa akkuma xumurreen gara masaraa faayyeeuutti akka gallu nu gaafannaan, nutis boromtaadhuma sana hojiicha eegallee'' jechuun dubbata.
Lafa ballinaa Masaraa irratti argamu iskuwer kaare metira kuma 40 keessa kan kaare meetira kuma 15 ta'u Maskaram fa'iitu irratti hojataa jira.
Obbo Maskaram Masaraadhaaf keessumma miti. Bara ministira mummee duraanii Mallas Zenaawiittis karaa Gamtaa Awurooppaatiin ambaasaadaroota biraa waliin affeerraa irbaataaf gara masaraa kanaa deemu dubbatu.
Haa ta'u malee kan dhaqanii turan halkan waan tureef dallaa keessa maal akka fakkaatu hubachuuf carraa hin argannee.
''Kallattiin gara affeeraa irbaataa, achiniis gara konkolaataa ture'' jechuun yaadatu.
Amma bara bulchiinsa Dr Abiyiitti garuu aartistoota biraa waliin affeeramuun naanawanii dallaa keessa dowwataniiru. ''Anaaf motummaan tokkoo masaraan motummaa kan ummataati jechuun yaadee saaquuf karoorfachuunsaa waan guddaa ture. Barootaaf kan agarru dallaasaa qofa ture,'' jechuun gammachu itti dhagahame ibsu.
Oggeessoonni gammachuun gara hojichaa galanis eddoon akka itti hojjataniif kennameef kan gataan ijaarsa gara biraa itti gatamu, lafa hin misoomiinifi irraan gadee waan tureef, hojiin duraa hojjatan qulqulleessu akka ture dubbatu.
Dizaayina isaanii jalqabaas kan hojjatan meeshaaleedhuma ijaarsalee hafaniifi dhagaan ta'u dubbatu.
Haa ta'u malee, teessumni lafichaa irraangadee waan ta'eefi waqtiinsaas ganna waan tureef hojiichi cimaa ture jedhu.
Oggeessoonni yaa'aa bishaaniifi lafa erga sirreessanii booda gara hojii ijaarsaatti galan kunneenis, tokkoon tokkoo dhagaa kan daraaraa, baalaa fi danaawwan biyya keessatti argaman adda addaatiin fakkeeffamanii soqamanii hojjataman ta'u himu.
Kunis erga oggeessa fakkii Eliyaasiin fakkii kaafamanii booda, namoota dhagaa soqaniin hojjatamu jedhu. Kana malees danaa dhakkaatiin dallicha faayyeessaniiru.
Dhagaawwan dallaan keessi ittiin hafamuun miidhage kunis bara dheeraaf akka hinkaaneetti jalaan sibilaan hidhamee hojjatamu himu.
Biyyoota addunyaa adda addaa dowwachuuf carraa argatanii kan ture Maskaram, ''hojiin nuti hojjannee asii yoo fudhatame jechuun dubbachuun ni rakkisa,'' jedhu. Tarii haala guddina kiyyaafi arguun beekumsan kuufadhee ta'u danda'a jedhaniiru.
''Dhimmi inni itti amanu mummee qulqullina irratti keessa deebiin akka hintaasifamneedha. Qabeenyaawwan kan akka Faasilidas miidhaan irra gahuulleen garuu waggoota dheeraaf turu kan danda'aniif waan qulqullinaan hojjataniif'' jedhu.
Maskaram akka jetuutti biqiiltuuwwan biyya keessaa waan dhaabataniif, magariisa waan ta'eef harkaan hojjatamuunsaa, ogguummaa Itoophiyaatiin hojjatamunsaa, oggeessoonni lammilee biyyattii kanneen baadiyaa dhufan ta'usaanii hojiicha adda taasisa.
Kana malees biqiiltuuwwan akka mi'eessituu, muka qorichaa, mukni kan akka ijersaa fi kkf dhaabamusaanii adda taasisa.
MM guyyaa guyyaan akka daawwatan kan dubbatan Maskaram, ''jaalalaafi deeggarsa nuuf kennu, daqiiqaa qabanitti jidduun asi bahanii nu dowwatanii deebii'u, kun ammo hamlee nuuf kenna. 'Harki keessan haa heebbifamu nuun jedhanii deebii'u, ani waa'ee siyaasaa kanan beeku hinjiru. Garuu hoogganaan akkanaaa jiraa?'' jechuu gaafatu.
Kanaafu hojiin masaraa kana keessatti hojjatanis kan dhalootatti darbu akka ta'uuf itti yaadanii akka hojjatan dubbatu. Akka jedhanittis waa'ee kanfaltii yaadanii hinbeekan. Cinqamanis hinbeekan. ''Waamichi nuuf taasifamnaan aniifi Eliyaas maallaqa baankii qabnu qofa ilaaluun hojichatti gallee,'' jedhu.
''Gonkumaa waa'ee maallaqaa yaadu hinfedhu. Caalaan kan nu dhiphisu hojicha qulqulinaan xumurree dabarsuu qofaadha'' jedhu.
Isaani jalattis hojjattoonni 200-250 ta'an jiraachu kan himan Maskaram, ''Motummaarraa kanfaltiin kantaasifamu mindaa isaaniti malee, nuti ogummaa keenya bilisaan kennineef'' jechuun kanfaltiin oggumaasaaniif taasifamu akka hinjirre dubbatu.
Maskaramiif hojiichi mataansaa keennaadha. Hanga ammaattis lafi harka tokko sadii ta'u xumuramusaafi dhuma Fuulbaanaa irraa kaasee dowwannaaf saaqaa akka ta'u ibsu.