Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonni gara masaraa mootummaa imalan dhiifama gaafatan
Miseensonni humna addaa raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa roobii darbe gara masaraa mootummaatti imalanii MM Abiy Ahimadiif gaaffii dabalii mindaa dhiyeessan mootummaafi uummata Itoophiyaa dhiifama gaafatan.
Akka gabaasni EBC jedhutti loltoonni kunneen dhiifama kan gaafatan wayita hogganoota olaanoo raayyaa ittisa biyyaa waliin erga mari'atanii booda.
Akkaataan itti gara masaraa mootummaa deeman hojimaata dhaabichaa kan eege waan hin taaneefi kan dhiifama gaafatan.
Balleessaa isaaniif uummata kiisuuf jabaatanii akka hojjetan waadaa galaniiru jedhame.
Gaaffiin miseensonni raayyaa ittisa biyyaa qaban akkamiin furamuu akka danda'u irrattis mari'ataniiru jedha Gabaasni EBC.