Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Piriimer Liigii: Kilaboonni sadarkaa jalqabaarra jiran torban kana maaltitti jiru?
Adabbiin penaaliitii dhumarratti argatan Liiverpuul akka Piriimer Liigiin baranaa kana ittuma fufanii mo'atan taasiseera. Tapha Sanbata kaleessaa irratti wanti biraan maaltu ta'e? Dilbata har'aa ammoo maaltu eegama?
Tapha torban 8ffaa Piriimer Liigii Ingilizii kanaan Liiverpuul saatii dhumaa irratti addabiin penaaliitii inni argate akka gareen kun osoo hin mo'amiin 100% dursa qabatee itti fufu taasiseera.
Liiverpuul Leester waliin 1-1 walqixa ba'uuf jira jedhamee hanga daqiiqaa dhumaatti osoo eegamaa jiruu, Saadiyoo Maanee addabbii peenaaliitti argamsiiseen 2-1n akka xumuran taasiseera.
Tootinhaam ammoo dubbiin ta'aaf hin jirtu. Kaleessa kilaba Biraayitaniin 3-0 mo'amuun yaaddoo cimaa keessa galeera Kilabiin Landan kun.
Torbanuma kana keessa tapha Shaampiyoonii Awurooppaa Baayereen Munik waliin taphatee 7-2 mo'ameera.
Torban fokkisaa akkasii dabarsusaatiin manaajerri Tootinhaam Maarsiyoo Pochetiinoon har'amuu mala kan jedhu haasa'amaa jiraatullee inni garuu kun ana hin yaaddessu jechaa jira.
Tarii hari'amuu dandeessaa gaaffii jedhu gaafatamee: "Lakki ani hoomaa hin yaadda'u. Anaan kan na yaaddessu jireenyadha malee kubbaa miillaa miti," jedhe Pochetiinoon.
"Kubbaan miilaa taphadha, yeroo tokko ni mo'atta, yeroo kaan ammoo ni mo'amta. Taphoota lamaan darban nuuf fudhachuufllee kan nu rakkisu baayyee haala rakkisadha."
Tapha Piriimer Liigii Sanbata kaleessaa taphatame biroon Kiristaala Palaas duubarraa ka'uun Weest Hamiin 2-1n istaadiyeemii Landan irratti mo'achuun garee tokkoo hanga afurr keessa warra jiranitti makameera.
Barnileen ammoo Everteniin 1-0n mo'achuun sadarkaa shanaffaarra dhufeera.
Aston Viilaan ammoo Noorwiich Siitiidhaan 5-1n mo'ateera kaleessuma.
Taphataan Ganna darbe Aston Viilaaf mallatteesse Wesliin daqiiqaawwan 16 jalqabaa irratti goolii lama yoo lakkoofsisuuf, taphataan sarara fuula duraa lammii Biraazil ammoo gaaliiwwan lama lakkoofsiseera.
Aston Viilaan erga Piriimer Liigiin baranaa kun jalqabee si'a lamaffaa mo'achuu isaati.
Waatforrd ammoo kaleessa Sheefiild Yunaayitid waliin 0-0n adda bahuun hanga ammaa Piriimer Liigiin baranaa erga jalqabee hin ma'anne.
Dilbata har'aa ammoo taphawwan afuritu eegamu. Arsenaal Bornimaawoziin dirree isaarratti simatee keessumsiisa. SHaampiyoonaan Piriimer Liigii Ingiliiz Maanchester Siitiin ammoo Woolviziin simata.
Chelsiin ammoo gara Saawuzhampitenitti imaluudhaan kan taphatu yommuu ta'u, Niiwuu Kasil Yunaayitid ammoo Maanchester Yunaayitidiin simata.