Leellisaa Deesisaa: Maaraatoonii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 17ffaa Moosineetti ofitti aansuun mirgaan gale

Shaampiyoonii Atileetiksii Addunyaa 17ffaa Dohaa, Kaataaritti gaggeeffamaa jiruun Maaraatooniin Atileet Leellisaa Deesisaa injifate.
Bara 2013 irraa kaasee Olompikiifi Shaampiyoonsii Atileetiksii Addunyaa irratti mo'achuudhaaf hedduu akka yaalaa ture BBC'tti addatti kan hime Leellisaan, maraatooniin amma injifate kun isaaf adda ta'uu ibseera.
"Baayyee, baayyeen itti dadhabeera. Waanan itti dadhabes waanan argadheef baayyee baayyees itti gammadeera!"
Akkan mo'adhuuf kan na gargaaran leenjisaa koofi maatii koof galatan qabas jedheera Leellisaan.

Madda suuraa, Getty Images
Akka Federeeshiniin Atileetikisii Addunyaa (IAAF) fuula marsariitii isaarratti akka baasetti, Leellisaan xumurarratti sirriitti itti yaadee utaalee bahuun xumura miidhagfateera.
Leellisaatti aanuudhaan Maaraatoonii Shaampiyoonii Atileetiksii Addunyaa kanaan biyya isaaf meetii kan argamsiise Moosineet Garramoodha.

Madda suuraa, Getty Images
Sa'atii Leellisaan ittiin xumure 2:10:40 yommuu ta'u Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti biyya isaatiif warqee fiduun isaa kan jalqabaati.
Bara 2013 Maaraatooniin meetii argachuun bara 2015 ammoo torbaffaa bahuun akka xumure yaadateera IAAF.

Madda suuraa, Getty Images
Kanaan dura ammoo Leellisaan Boston Maaraatoonii si'a lama akka mo'ate IAAF ibseera.
Bara 2013 yeroo Maraatoonii Bosten mo'atee turetti, magaalattii keessatti haleellaan shorokkeessitootaa dorgommiidhuma sanarratti qqabee ture.
Leellisaanis madaaliyaa argate sana yaadannoo magaalattiif taasisee akka ture ni yaadatama.
Dorgommii maaraatoonii halkan walakkaa gaggeeffame kanaan, Itoophiyaan Shaampiyoonsii Atileetiksii Addunyaa irratti maaraatooniidhaan erga bara 2001 Gazaaheeny Abarraatiin warqee argattee isa jalqabadha.
Atileet Leellisaan warqee maaraatoonii waggoota 18 booda biyyatti deebise jechuun Reuters barreesseera.
"Mirgaan galuun koo kun lammilee Itoophiyaa miliiyoona 100 warra ana duuba jiranidha," jedhe Leellisaan Reuters tiif yeroo yaada isaa kennu.
"Kana injifachuu kootiif ani biyya koo keessaa nama lamaffaadha. Kanaaf, kun anaaf osoo hin taane, biyya kootiif."

Dorgommiin maaraatoonii kun ho'a biyyattii miliquuf jecha ture erga waariin darbee kan eegale.
Leellisaan akka jedhetti haala qilleensa Dohaa kanaaf ta'uun leenjii isaa hordofaa akka ture dubbata.
"Haala qilleensaa hamaadha jedhame keessatti leenjii fudhataa waanan tureef kun anatti hin ulfaanne."
Dorgommii maratoonii Shaampiyoonsii Atileetiksii addunyaa 17ffaa Dohaa, Kaataaritti gaggeeffameen atileetiin Keenyaa Amoos Kipruutoo jedhamu sadaffaa ba'eera.















