Albeertoo Salazaar: Leenjisaan duraanii Mo Faaraah seera 'doopping' cabsuun waggaa afuriif adabame

Leenjisaan duraanii Mo Faaraah, Albeertoo Salazaar, seera qoricha humna kennu ('doopping') cabsuun waggaa afuriif adabame.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaan duraanii Mo Faaraah, Albeertoo Salazaar, seera qoricha humna kennu ('doopping') cabsuun waggaa afuriif adabame.

Leenjisaan duraanii Mo Faaraah, Albeertoo Salazaar, seera qoricha humna kennu ('doopping') cabsuun waggaa afuriif adabame.

Salazaar, nama umuriin isaa ganna 61 ta'e kun Pirojektii Nike Oregon gaggeessa.

Pirojektiin inni gaggeessu kun mana atileetii bara 2011 hanga 2017tti si'a afur Olompikatti shaampiyoonaa ta'ee Mo Faaraahaadha.

Murteen kun qorannoo ejensiin Farra Doopingii US (Usada)n waggoota afuriif gaggeesseefi wallaansoo dugda duubaan waggoota lamaaf mana murtiitti taasifamaa turee boodadha.

Qorannoon kan jalqabame sagantaa BBC Panaroma bara 2015 keessa tureen boodadha.

Sagantaan sun marsariitii US ProPublica jedhamu waliin ta'uun kan hojjetamaa ture yoo ta'u, buufata leenjii US Biiverteen Oreegon keessatti himannaa qoracha humna kennu fayyadamuufi seera maleessummaa dhiyaaturraan kan ka'e hojjetame.

UK keessattis qaamni ispoortii hoggano ammoo himannaa dhiyaate kanarratti qorannoo mataa isaa gaggeessuun Mo Faaraahaan leenjisaa isaa lammii Ameerikaa Salazaar waliin akka itti fufuu danda'u faara kenneef ture.

Ogeessi fayyaa Nike Dr Jeffrey Brown jedhamu kan atileetota Salazaar wallaanaa turanis adabameera.

Gareen bilisaa dhimma kana qorate Salazaariifi Brown waan dogogoraa maal akka hojjetan ibseera:

  • Qoricha humna namaaf kenna jedhamee dhorkameeru maqan isaa 'testosterone'
  • IV marfeen fudhatamu ajajuu
  • Amala isaanii qorcicha humna kennu fayyadamuuf qorannoon yeroo barbaachisutti qaama kana qoratu USADA dhorkuuf yaaluu

Gaggeessaan olaanaa USADA Travis Tygart atileetonni "dhimma kana jabinaan ifatti dubbachuun dhumarratti akka dhugaan mul'atu taasisuu isaaniif" baayyee jajataniiru.

"Yeroo Pirojeektii Nike Oregon waliin walqabsiisanii hojjetanitti Obbo Salazaariifi Dr. Brown fayyaafi nageenya atileetiksii kakataniif caalaa injifachuun akka waan caalaa ta'eetti akka yaadan mullisaniiru," jedhan.

BBC'n amma himannaa leenjisaa Salazaar, nama Kuubaatti dhalate kanaa, akkasumas kan Dr. Brown qoricha humna namaaf kennuu (dopping) isaanirratti dhiyaate gadhiisuu ni danda'a. USADAn dhimma kana Bitootessa 2017 ture kan dhiyeesse.

Jarri kun lamaan isaaniiyyu ogeessota seeraa Nike kaffaltaa isaanii danda'eefiin gargaaramuun falmachaa turan.

Dhimmichi garuu hanga Waldaa Fala Barbaadduu Ameerikaatti deemee ture.

Faaraah amma umurin isaa ganna 36 ga'eera. Salazaariin akka dhiisu bara 2017 keessa yeroo inni dhimma kanaan walqabatee maqaan isaa ka'u beeksisee ture.

Garuu murtee kana kan fudhachuu danda'eef dhimma qoricha humna namaaf kennuu (doopiing) waliin walqabatee akka ta'e himuu ni dide.

Yeroo Pirojektii Nike Oregon keessa 2011 hanga 2017 turetti, Faaraahaan shaampiyoonaa addunyaa ja'aafi Olompikarratti warqee afur fiigicha 5,000m fi 10,000m mo'ateera.

Bara 2017 keessa, dorgommii figicha daandiiirraa dhaabeera. Kana kan godhes maraatooniirratti xiyyeeffachuuf murteesseeti garuu ammoo bara fiigicha daandiirraa Olompika Tookiyoo bara 2020 tiif akka deebiyu dubbateera.

Nike, UKA akkasumas Salazaar yaada isaanii akka kennaniif gaafatamanii turan.