Atileetota Itoophiyaa: Maaraatoonii Landan olaantummaan xumurra

Atileetota

Madda suuraa, Getty Images

Maraatoonii Landan kan bara 2019 atileetota bebbeekamoo addunyaa hirmaachise Dilbata dhufu ni dorgomama.

Dorgommiin kun ganamarraa eegalee kan geggeeffamu yoo ta'u dorgomiiwwan fiigichaa, kan wiilcheeriin dorgamamu, kan qaama miidhamtootaa(Para Athletics), kan dubartootaa fi dorgommiiwwan biro hedduun ni geggeeffamu.

Bara darbe sadaffaan kan xumure Mo Faaraan bara kana olaantummaadhaan xumuruuf xiiqeffatee jiraachuu himeera.

Atileetiin Keenyaa Eliud Kipchoge gamasaatiin olaantummaa bara darbe argatee ture kan caalu galmeessisuuf morkata.

Atileetota dubartootaatiin bara 2018 kan mo'atte atileetiin Keenyaa Vivian Cheruyiot akkasumallee kan Maraatoonii New York irratti olaantummaan xumurte Mary Keitany , kan Biriiteen Lily Partridge fiTracy Barlowni eegamu.

Atileetota bebbeekamoon alattis namoonni 40,000 caalan fiigichaaf ni ba'u jedhameetu eegama.

Atileetonni Itoophiyaa maal jedhan?

Atileetota Itoophiyaa Maaraatoonii Landan irratti hirmaachuuf qophaa'an keessaa Taammiraat Tolaa Maraatooniin kun dorgommii isa guddicha addunyaa kanaa ta'uu isaatiin ''qophii barbaachisu goonee as geenyeerra'' jedha.

''Atileetota ciciimoo addunyaa keenyaa kanneen akka Kipchoge fi Mo Faaraa waliin waan dorgomnuuf cichinee dorgomuu nu gaafata. Dorgommiin akkanaa waan salphaa miti. Atileetota akka Qananiisaafaa, Haayileefaatu biyya keenya bakka bu'anii fiigaa turan.

Kanaaf salphisnee ilaaluu hjin qabnu. Anis ammo dorgommii akkanaarratti hirmaachuu kootti baayyeen gammada,'' jedha.

Qophii dorgommii Maraatoonii Landaniif gareedhaan shaakallii gochaa akka turan kan himu Taammiraat ''Dadhabinaa fi cimina keenya adda baasnee haalaan irratti hojjechaa turre. Fooyya'iinsa qabna amma.

Kanaafuu dorgommii Dilbataa kanarratti qabxii fooyya'aa nan galmeessisa jedheen abdadha.''jechuun dubbata.

Dorgommii Maraatoonii Landan dursuun haalota qilleensaa qorraa fi ho'aa akkasumallee giddu galeessa keessatti haalaan shaakaluu kan dubbatu Taammiraat ''dorgommiirratti mo'uu fi mo'amuun waanuma jiru. Garuu akkaataa shaakallii gooneen waanuma irra aannuudha'' jedha.

Kanaan dura Maraatoonii Dubaayi kan mo'atee beeku Taammiraat ''kun 'meejar Maraatoonii' ta'uusaatiin addadha. Atileetota saffisa guddaa qaban dorgommii kanarratti argatta. Kanaafuu haalaan of qopheessuu gaafata.

An garuu Dubaayi irrattis saffisaan fiigee waanan tureef asitti baayyee hin yaadda'u.'' jedha.

Atileetiin Itoophiyaa kan biraan Maraatoonii Landan irratti dorgomuuf qophaa'ee jiru Shuraa Qixxaataa shaakala barbaachisu hunda hojjedhee qamaa qalbiin itti qopha'een jira jedha.

Bara darbes dorgommii Maraatoonii Landan irratti kan hirmaatee ture shuraan dorgommiirratti hanqina irratti mul'ate sirreeffatee kan baranaa qabxii fooyya'aa galmeessisuuf akka jiru dubbateera.

''Kaayyoon kiyya shaakalliin kanaan dura sirriitti hojjedhe kana gara bu'aatti jijjiiree qabxii gaarii galmeessisuudha.'' jedha Tolaan.