Atileet Muktaar Idiriis Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 17ffaa nan mo'adha jedhee hin eegne jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Atileet Muktaar Idiriis Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 17ffaa Kaataar Dohaatti gaggeeffamaa jiru irratti Itoophiyaadhaaf warqee jalqabaa argamsiiseera.
Muktaar injifannoo argate kanaan booda BBC'tti akka dubbatetti: "Nan mo'adha jedhee hin yaadne".
Fiigicha meetira 5000 irratti hirmaachuudhaan tokkoffaa kan ba'e Muktaar Idiriis "Ani kanan dhufe hiriyyoota koo deggeruudhaaf ture," jedheera.
Ani nan mo'adhe jedhee hin tilmaamen kan jedhu Muktaar, injifannoo argate kana garuu hedduu akka itti gammade dubbata.
Atileetiin biraa fiigichuma meetira 5000 kana irratti hirmaachuun lamaffaa kan ba'e ammoo Salamoon Bareggaadha.

Madda suuraa, Getty Images
Atileet Salamoonis biyya isaaf kan argamsiisuu isaatti gammaduu dubbata.
Atileetiin Itoophiyaan biraa fageenya kanaan afraffaa ba'ee xumure Xilaahun Hayilee hojii gareen ta'uun akka injifatan gochuu keessatti ga'ee guddaa taphateera.
Xilaahun umurin isaas ijoollee waan ta'eef gara fuula duraattis atileetii abdatamu ta'uu isaa mirkaneesseera.
Mo'icha atileetonni Itoophiyaa argamsiisan ilaalchisee gaazexaawwan biyyattii hedduun oduu qabatanii bahuun guddaa dinqisiifataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Gaazexaan Kataaritti guddaa ta'eefi guyyaa guyyaan maxxanfamu 'The Peninsula' jedhamu atileetonni Itoophiyaa fiigicha meetira 5000 tiin calaqqisanii mullataniiru jedheera.
Gaazexoonni biroon afaan arabaatiin maxxanfaman milkaa'ina atleetota Itoophiyaa kana faarsaniiru.















