Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Muuziyeemiin Veenaatti banamuuf jiru kun suuraa 'ofee' dargaggoota hawwachuu kaayyefateera
Muuziyeemiin Veenaatti banamu suuraa Instaagiraamiif tolu keessatti ka'uufi dargaggoonni aartii mataa isaanii akka uuman taasisu qaba.
Keenyan halluu ifaa taheen dibame, meeshaalee gurguddaa 'salfii' ka'uu dhaaf tolan qaba.
''Lakkoofsi dargaggoota muuziyemii demanii waan 'baayyee' hir'ateef, isa geeddaruuf miidiyaa hawaasummaa fayyadamaa jirra jetti hundeessitoota muuziyeemii 'nofilter-museum' keessaa tokko kan taate Petra Scharinger.
''Dargaggoonni namoota waliin qaamaan hariiroo uumuu irra 'online' irra yeroo isaanii dabarsu''
UKtti dargaggoota 10 umuriin isaanii 13-19 jiran keessaa 9 miidiyaa hawaasummaa kanneen akka Instaagiraamii, Feesbuukiifi Waatisappii fayyadamu.
Muuziyeemichi wantoota namoota hawwachuu danda'an qaba jetti Scharinger.
Muuziyemicha keessa kutaawwan garaagaraa 24 jiru. Daawwatoonni keenyan halluu garaagaraan miidhage fuuldura dhaabatanii suuraa ka'uu ni danada'u
Afuuffeewwan xixiqqoo, keenyan fakkii abaaboon miidhage, warqaaawwan bifa warqeen dibaman suura 'ofee' dhaaf akka tolanitti qophaa'an. Kutaan nyaata sobaa kanneen akka keekii fa'iin guutametu jira.
Namoota miidiyaa hawaasummaa irratti hordoftoota baayyee qaban waliinis wal-arga.
Gamanumaa namoonni hordoftoota baayyee qaban gara muuziyemichaa dhufuuf fedhii agarsiisaniiru.
Haa tahu malee namoota hodoftoota baayyee qaban hawwachuun wal-falmisiisaa dha, sababiinsaa immoo hariiroo namoonni kunneen maqaa isaaniifi mallattoo daldalaa waliin qabaniif.
Hundeessituun muuziyemichaa guyyaatti namoonni 300-500 ni dhufu jennee abdanna jedhaniiru.
''Waanti inni guddaan 'salfii ka'uu qofa osoo hin taane yeroo gaarii dabarsuufi aartii muuxatanii deemuu dha'' jetti.
''Namoonni yeroo dheeraa bilbila isaanii irratti waan dabarsaniif , bilbila isaaniin bashannanaa namaa waliin akka hariiroo uuman kan gochaaa jirru,'' Yaada nama barsiisuu hin qabnu.
Muuziyeemmin kan yeroo yoo tahu gara magaalaa biraattis ni imala.