Muuziyeemiin Veenaatti banamuuf jiru kun suuraa 'ofee' dargaggoota hawwachuu kaayyefateera

Namoota lama muuziyeemii instaagiraamiitti

Madda suuraa, Philipp Lipiarski

Muuziyeemiin Veenaatti banamu suuraa Instaagiraamiif tolu keessatti ka'uufi dargaggoonni aartii mataa isaanii akka uuman taasisu qaba.

Keenyan halluu ifaa taheen dibame, meeshaalee gurguddaa 'salfii' ka'uu dhaaf tolan qaba.

''Lakkoofsi dargaggoota muuziyemii demanii waan 'baayyee' hir'ateef, isa geeddaruuf miidiyaa hawaasummaa fayyadamaa jirra jetti hundeessitoota muuziyeemii 'nofilter-museum' keessaa tokko kan taate Petra Scharinger.

''Dargaggoonni namoota waliin qaamaan hariiroo uumuu irra 'online' irra yeroo isaanii dabarsu''

UKtti dargaggoota 10 umuriin isaanii 13-19 jiran keessaa 9 miidiyaa hawaasummaa kanneen akka Instaagiraamii, Feesbuukiifi Waatisappii fayyadamu.

Namoota saanduuqa halluudhaan miidhage garaagaraa keessa dhaabbatan

Madda suuraa, Philipp Lipiarski

Ibsa waa'ee suuraa, Muuziyemii amma baname kuni gara magaalota garaagaraatti ni imala

Muuziyeemichi wantoota namoota hawwachuu danda'an qaba jetti Scharinger.

Muuziyemicha keessa kutaawwan garaagaraa 24 jiru. Daawwatoonni keenyan halluu garaagaraan miidhage fuuldura dhaabatanii suuraa ka'uu ni danada'u

Afuuffeewwan xixiqqoo, keenyan fakkii abaaboon miidhage, warqaaawwan bifa warqeen dibaman suura 'ofee' dhaaf akka tolanitti qophaa'an. Kutaan nyaata sobaa kanneen akka keekii fa'iin guutametu jira.

Namoota lama afuuffeetti haasa'an

Madda suuraa, Philipp Lipiarski

Namoota miidiyaa hawaasummaa irratti hordoftoota baayyee qaban waliinis wal-arga.

Gamanumaa namoonni hordoftoota baayyee qaban gara muuziyemichaa dhufuuf fedhii agarsiisaniiru.

Haa tahu malee namoota hodoftoota baayyee qaban hawwachuun wal-falmisiisaa dha, sababiinsaa immoo hariiroo namoonni kunneen maqaa isaaniifi mallattoo daldalaa waliin qabaniif.

Hundeessituun muuziyemichaa guyyaatti namoonni 300-500 ni dhufu jennee abdanna jedhaniiru.

''Waanti inni guddaan 'salfii ka'uu qofa osoo hin taane yeroo gaarii dabarsuufi aartii muuxatanii deemuu dha'' jetti.

''Namoonni yeroo dheeraa bilbila isaanii irratti waan dabarsaniif , bilbila isaaniin bashannanaa namaa waliin akka hariiroo uuman kan gochaaa jirru,'' Yaada nama barsiisuu hin qabnu.

Muuziyeemmin kan yeroo yoo tahu gara magaalaa biraattis ni imala.

Dubartii kubbaayyaa qabattee jirtu

Madda suuraa, Philipp Lipiarski

Ibsa waa'ee suuraa, Namooti hordoftoota baayyee qaban achitti suuraa ka'uuf fedhii agarsiisaniiru