Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa: Seerri adabbii yakkaa ganna 57n booda fooyya'e maal maal ofkeessaa qaba?
Seerri adabbii yakkaa Itoophiyaa kan fooyya'e wayita tahu, adeemsi seera adabbii yakkaa otoo hin fooyya'in ganni 57 darbeera. Dhiyyeenya kanas adeemsi seeraa kun fooyya'ee gara mana maree ministirootaatti ergameera.
Seerri kun 'Adeemsa Seera Yakkaa fi Seera Ragaa' jedhamuun kan moggaafame wayita tahu, baasuufis ganna 15 kan fudhate tahuu Abbaa Alangaa Federaalaatti, Daarektarri Daarektoreetii Qorannoo Seeraa turtii BBC waliin taasisaniin dubbataniiru.
Maaliif adeemsa seeraa kana fooyyeessuun barbaachise?
Seerri adeemsa adabbii yakkaa meeshaa hojiirra oolmaa seeraati. Adeemsa qorannoo kaasee haga murtee kennuu yookaan haga hidhamtoota amala sirreessuu jiru kanaan gaggeeffama.
Seera adeemsa adabbii yakkaa ALI 1954 bahe fooyyeessuuf sababoota garagaraatu jiru. Seerri adabbii yakkaa ALI 1949tti bahe, 1996tti fooyya'eera.
Seera adeemsaa 1954, seera adabbi yakkaa 1949tti bahe hojiirra oolchuuf bahe waan taheef, seerri 1949tti bahe haaromsameera taanaan, seerri adeemsaa 1954s fooyyahuu qaba jechuudha.
Sababni inni biraan seerri kun wayita bahu biyyattiin haala ammarra jirtu hin fakkaattu turte. Sirni wayita sanaa sabdaneessummaaf beekamtii kan kennu hinturre. Kanuma giddugaleessa godhachuun wixineeffame.
Aangoon mootummaa federaalaa maali? Aangoon naannolee maali? kan jedhuufi caasseffamni manneen murtii 1954 ture, kana ammaa wajii tokko miti.
Bara sana Awuraajjaa, fi Aanaa caasseffama jedhutu ture.
Kana malees adeemsi haqaa yeroo ammaa jiruufi bara sana ture tokko miti. Yaadrimeen haarayaa keessa galuu qabu waan taheef kan goone.
Seerota haaraa meeqatu dabalame? Meeqatu fooyya'e?
Seera duraaniirraa dambiiwwan guutummaatti fudhataman ni jiru. Kaanis gariin kan fooyya'aniifi yaadrimeewwan haaraa itti dabaluun kan dhufanis ni jiru.
Fakkeenyaaf, inni tokko falmii balleessaa (plea bargain) dha. Abbaan alangaa fi himatamaan walfalmanii waliigaluun biyyoota akka Kaanaadaa fi Ameerikaatti kan baramedha.
Fakkeenyaaf namni himannaa 15n himatame tokko, abbaa alangaa waliin falmii seenuu (plea bargain) seenuu danda'a. Abbaan alangaa, ragaa qaba waantaheef balleessaa kee in amanta taanaan, himannaawwan shanan dhiiseen isaan hafaniin si himadha jedhaan.
Kanaan waliigalaannis himatamaan kun hidhaan yookaan adabbiin irraa hir'ataaf jechuudha.
Dhimmi ganna tokko ganna lama fudhatu, guyyaa tokkoon raawwata. Manni murtis waliigaltee jara lamaa ni raggaasisa taanaan, adabbiin oggasuu kennama.
Dabalataanis Itoophiyaan biyya saboonni fi sablammoonni hedduun keessatti argamanidha. Hawaasni kunis baroota dheeraaf yakka dabalatee, dhimmoota biroof seerota furmaataa qabu.
Seerota aadaa kanaafis beekamtii kennuun barbaachisaadha. Kanumaanis seeronni aadaa keessa galaniiru.
Adeemsi haga ammaa ture:
Shakkamaan hin qabama, ni qoratama, mana murtii dhaqa, ni adabama, mana hidhaa gala.
Furmaatni filannoo biraa hinjiru ture.
Haatahu malee kanneen araada keessa jiran, rakkoo fayyaa sammuu qaban, akkasumas balaa hedduuf namoonni saaxilaman jiru.
Namoota kanneen gara mana hidhaatti geessuu mannaa, akka filannoo biraatti gara itti bayyaatanitti akka geeffaman gochuuf wixinee kana keessa galeera. Hojimaati kunis biyyoota biroo keessatti hojiirra kan oolaa jirudha.
Dabalataanis hojimaata araaraa ammaa kana foyyessuufi adabbii hanga waggaa 3 hiisisu danda'an irratti akka raawwatamu yaadni fooyya'insaa dhiyaatera.
Araara raawwachiisuu danda'amnaan bu'aa argamsiisuun akka danda'amu hojii dhaan argiineerra.
Murtoo dhumaa deebisanii ilaalii irratti fakkeenyaaf namni nama ajjeesuudhaan irratti murtaa'e erga hidhameen booda namni ajjefame jedhame qaamaan yoo dhufe sirni murtoon sun deebifamee itti ilaalamuu danda'u hin jiru.
Murtoo sana geeddarsiisuuf ol iyyachuu qofa dha kan danda'amu. Biyyoota biraa keessatti garuu murtoo jalqabaa deebisanii ilaaluu irratti muuxannoo baayyeetu jira.
Raawwii murtoo du'aa ilaalchisee immoo murtoon sun otoo hin raawwatamiin waggaa lama caalaa yoo ture gara hidhaa umurii guutuutti geeddaram.
Biyya keenyatti namoonni murtoon du'aa irratti murteeffame akkasumaan hanga waggaa 15 ni turuu danda'a. Turuun gaarii haa tahuyyuu malee dhiibbaa xiinsammuu ni qaqqabsiisa. Wiixinee kanarratti gara hidhaa umurii guutuu akka geeddaramu kaa'uun jijjirama guddaa dha.
Hojimaata amma jiruun murtiin du'aa murtaa'ee abbaan ol yoo hin iyyanne, murtichi ni raawwatama. Kunimmoo balaa guddaa qaba.
Nuti kana raawwachaa gatii hin jirreef nu yaaddessuu dhiisuu danda'a. Namni erga du'ee booda ijaa hin deebineef ol yoo iyyachuu baatellee mannii murtii gara mana murtii waliigalaatti aKka ergu murtessi neerra.
Dirqama ol iyyannoodhaan ilaalamuu ni qabaata. Shanaffaa yookiin torbaffaa taa'anii raggaasuu yookii kuffisuu qabu.
Sirnoota aadaa bifa kamiin hammatan?
Fakkeenyaas sirnoota aadaa ilaalchisee osoo naannoo Affaariiti yakki ajjeechaa raawwate firootni nama ajjeefamee fi firootni nama yakka ajjeechaa raawwatee waliin taa'anii sirni irratti wal himatan, waliin dubbataniifi furmaata dhumaa irra waliin gahan jira.
Akkasuma sirni Gadaas yakka ajjeechaa irratti haala itti furmaata kennu qaba. Gara Kibba Walloo yoo deemnes dhimmota gurguddoo irratti sirnoota ittiin furmaata kennan qabu. Yakka ajjeechaa dabalatee.
Kanaafuu sirnoota aadaa yeroo jennu sirnoota aadaa yeroo dheeraaf turaniif beekamtii kennuudha.
As irrati bakki of eeggannoon itti godhamu hin jiru jechuu miti. Sirnootni tokko toikko mirgoota namoomaa kan cabsanidha.
Fakkeenyaaf bakka tokko tokkotti haati warraa fi abbaan warraa osoo wal lolanii homaa hin dubbatiin callisii mana keetti gali kan jedhu gara tokkotti kan dhufe ykn loge sirni jaarsummaa jira.
Kun mirga dubartootaa kan dhiibee fi sirrii hin taanedha. Yeroo kun tahu of eeggannoo guddaa waliinidha. Yakkootni sirnoota aadaan ilaalamanis jiru
Sirna seeraa kana foyyeessuudhaaf maaliif waggoota hanga kanaa dheeraa fudhate
Nuti amma foyyeessinee dhiyeessaa jirra yeroo jennutti, nuti amma kaanee kan wixineessine mit.
Kanaan dura namoonni hojii kanarratti bobba'aniifi ogummaa kanaa qaban ni jiru.
Hojiin wixineessuu kun kan turedha; gara waggoota 15 itti fudhateera.
Har'aa boor osoo jedhamuu; jalqabamee deebiyee osoo addaan cituu, miirri abbummaa itti dhaga'amee xumuramuu qaba jechuudhaan ogeessi kan isaa kan ta'e ramadamuudhaan akka dhaabaatti dhimma du'aafi jireenyaa jedhamee waan hin qabamiiniif natti fakkaata.
Waan fedhe ta'us, akka Abbaa alangaa Waliigalaatti seera wixineessuun mana maree ministeerotaaf dhiyeessineerra yeroo jennu galteewwan achirraa jalqabanii jiran fudhannee foyyeessaa, itti dabalaa, irraa hir'isaa dhufne, bu'aa sana hundaadha.
Hojiirra oolchuudhaaf yeroo fudhata; salphaa waan hin taaneef, qoodaminsa aangoollee akka jijjiiramu ni taasisa. Kanneen federaaarra turan gara naanootti deemu.
Kanneen naannoorra turan ammoo gara federaalaatti deebiyu. Qajeelfamoonniifi danbiiwwan yeroo itti aanan bahanis ni jiraatu; dhaabbileenis ni hundeeffamu. Seera kun ragga'e jechuun sirna haqaa irratti jijjiiramni guddaan ni dhufa jechuudhan. Sirni haqaa baayyee ammayyaa'aa ta'a jedheen yaada.
Aangoo Federaalaa gara naannoo dhaquu danda'aa wayita jedhan…
A.L.I Bara 1996 seerri adaba yakkaa bahe jira. Achirratti dambii bahe hunda funaanne kun kan Federaalaati, kunimmoo kan naannooti, kuni kan mana murtii sadarkaa jalqabaati, kuni kan mana murtii olaanaa, kunimmoo kan mana murtii ijibbaataati jennee tarreessinee keenyeerra.
Hojimaata amma jiruun naannoleen dhimmoota yakkaa biroo kallatiin ilaaluuf aangoo hin qaban. Mootummaan Federaalaa seerotni baasnu mootummaa Federaalaa jalatti ramadamu.
Hojimaata amma jiruun naannoleen bakkabu'uummaan hojjataa jiru fakkaata. Haata'u malee, wixinee amma jiruun naannooleef jedhamee ifatti tarreeffameera.