Yohaannis Nasiibuu: Itoophiyaan namticha Ameerikaatti namoota lama ajjeesuun shakkame to'atte

Mootummaan Itoophiyaa lammii Ameerikaa yakka ajjechaa namoota lamaan shakkamee mootummaa Ameerikaan barbaadamaa jiru to'annaa jala oolchuu beeksise.

Namtichi Yohaannis Nasiibuu Bazzaabbiih jedhamu dabarfamee mootummaa Ameerikaaf akka kennamu Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa himeera.

Dhalataan Itoophiyaa lammummaa Ameerikaa qabu kun Ameerikaa kutaa biyyaa Varjiiniyaa keessatti namoota lama ajjeesuufi itti fayyadama meeshaalee seeraan alaa lama, walumaagalatti yakkoota afuriin shakkamee barbaadamaa ture jechuun dubbi himaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Zinaabuu Tuunuu BBC'tti himaniiru.

Biiroo Haqaa Ameerikaatti dameen dhimma yakkaa qoratu mootummaan Itoophiyaa nama kana dabarsee akka kennu gaaffi dhiyeesse.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa nama kana dabarsee mootummaa Ameerikaaf kennuuf Eebla 03 murteesseera jedhu Obbo Zinaabuun.

Murtee kanarra gahuuf mana murtii kutaa biyyaa Varjiiniyaa irraa namni kun yakkaan himatamuufi to'annoo jala akka oolus Bitootessa 23 ajajni bahuu isaa mirkaneeffanneerra jedhu.

Shakkamaan kun lammii Ameerikaa ta'uu isaa, namoonni inni Ameerikaa keessatti ajjeese jedhame ammoo lammilee Itoophiyaa achi jiraatan ta'uu isaaniis mirkaneeffanneerra jedhu.

Seera yakkaa Itoophiyaatiin dhimma kana ilaaluuf aangoo kan qabu mana murtii Itoophiyaa miti jedhu Obbo Zinaabuun.

Dabalataan gama Itoophiyaatiin gaaffiin wal-fakkaataan mootummaa Ameerikaaf yoo dhiyaate deeggarsa akka taasisan waadaa waan galaniif nama kana dabarsanii kennuuf murteessuu himu.

Namni kun dabarfamee wayita kennamu mirgi namoomaa isaa bifa eegamuun akka ta'u waliigalleerra jedhu.

Wayita ammaa shakkamaan kun to'annaa jala oolee harka mootummaa Itoophiyaa akka jirus Obbo Zinaabuun BBC'tti himaniiru.

Yoom dabarfamee akka kennamu ilaalchisee "nuyi akka kennamu murteessineerra, gaaf akkanaan fudhadha kan jedhu mootummaa Ameerikaati" jedhu.

Shakkamaan kun miseensa Mana Maree 'Baaladaraa' akka ta'e marsaalee hawaasummaarratti himamaa kan jiru dogoggora ta'uu miseensa mana marichaa kan ta'an Obbo Eliyaas Gabruu BBC'tti himaniiru.

Waa'ee ajjeechaa kanaa maal beekna?

Gabaasni 'The Washington Post' Onkoloolessa 13, bara 2017 baase akka mul'isutti ajjeechaa kun Mudde 22 bara 2016 raawwate.

Namoonni lamaan lubbuu isaanii dhabanis jaalalleewwan Heenook Yohaannis fi Qiddist Simeeneh jedhaman akka ta'e eera gabaasichi.

Namootni lamaan rasaasaan dhahamanii akka ajjeefaanis gabaasichi ni hima.

Shakkamaan battala yakka kana raawwate buufataa Xiyyaaraa Idil-addunyaa Duules irraa gara Finfinneetti balali'uu isaatu himame.

Mootummaan biyyatti hanga har'aa mootummaa Itoophiyaa waliin dubbachaa akka tures eerameera.

Llammilee biyyoota biroo Ameerikaa keessatti yakka raawwatanii gara biyya isaanii baqatan seeratti dhiyeessuun Ameerikaaf rakkoo ta'ee tureera jedha 'The Washington Post'.