Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taanzaaniyaan barsiisaa barataa ajjeese fannoon ajjeesuuf
Manni murtii Taanzaaniyaa barsiisaa ganna 51 barataasaa umrii 14 otoo reebuu ajjeesse du'aan adabe.
Ji'oota 7 dura ture barsiisaan Respikaas Mitanzangiraa 'barataa borsaa hatee' jedhamee barataa biraan himatame, kaaba dhiyaa biyyattii mana barnootaa magaalaa Bukubaa keessatti kan ajjeese.
Barataaan Isperiyoos Eradiyaas jedhamu 'ani hin hanne' jedhee falme. Barsiisaan garuu reebicha itti fufe.
Abbaan seeraa Mana murtii olaanaa biyyatti yakka ajjeechaa raawwate jechuun ragaa irratti funaane.
Barsiisaan waliin hojjatan garuu akkasi miti jechuun mormateef.
Abokaatoon barsiisaa kanaa ol iyyannoo akka gaaafatu miidiyaalee biyya keessaaf himeera.
Namoota 9 ta'anitu waan argaan ragaa bahe. Ragaan mana yaalaas reebichaan du'uu mirkaneesse.
Pirezedantiin biyyatti John Maguufuliin ''Murtoo du'aa namarratti dabarsuun ammam akka ulfaatu nan beeka, maqaasaa tarreessitanii hin fidinaa,'' jechuun waggaa 2 dura adabbii du'aa mormuusaanitu yaadatama.