Sawudiin viizaa haarawaan turistootaa biyyattii daawwataniif banaa gochuuf

Sawud Arabiyaan yeroo jalqabaatiif dinagdeeshee daldala boba'aa zaayitaarratti hunda'ee ture jijjiiruuf turistoota idil-addunyaaf balbalashee banuuf jirti.

Gaafa Jimaataa sirni bulchiinsa biyyattii viizaa biyyoota 49'tiif hayyama kennuuf akka jiru beekameera. Ta'us garuu haalli uffannaa turistoota dubartootaa haalaan kan ilaalamu ta'a.

Ministeerri Turiizimii biyyatti Ahmad al-Khaxaab "sochii seena qabeessa" jechuun ibsaniiru.

Viizaan biyyattii hanga har'aatti namoota hajjii deemaniif, namoota biizinaasiif deemaniifi namoota ogummaadhaan achi deemaniif malee dhorkaa ture.

Sawudiin invastimantii biyyoota alaa turizimiin hawachuu barbaaddi. Biyyatiinis bara 2030tti turizimii %3 irraa gara %10'tti guddisuu barbaaddi.

"Turistoonni waan nuti daawwachiisuu deemnuun ni raajeeffatu. Hambaa 'UNESCO' irratti galmaa'an shan, aadaa ummataafi bareedina uumamaa keennaan baay'ee raajeeffatu," jedhu Obbo al-Khaxaab.

Dubartoonni biyyoota alaa daawwannaaf gara biyyattii dhufan dirqamauffannaa qaama isaanii guutummatti dhoksuu kan Aabaayaa jedhamu uffachuun irra hin jiraatu. Garuu haalan uffachuun irra jiraata. Dubartoota gaggeessaa/gargaaraa malee imalaniifis garaa itti hin jaabaannu.

"Aadaa qabna. Hiriyyoonniifi keessummoonni keenya aadaa keenya nuuf kabajuu qabu. Ta'uus garuu haalan uffachuu qabu," jedhu al-Khaxaab.

Tuuristoonni Musliima hin taane garuu magaalota qulqulluu Makkaafi Madiinaa sababa dhugaatii alkooliitiif akka daawwatan hin hayyamamuuf.

Odeeffannoon dabalataa sagantaa kan akka biyyoota kamitu daawwachuudhaaf hayyamamaaf kan jedhu ifa kan ta'u ta'a.

Garuu Obbo al-Khaxaab haleellaan dhiheenya industirii boba'aa zayitaa biyyattiirratti godhame namoonni dhaqanii akka hin daawwanneef sababa ta'a jedhanii hin yaadan.

"Magaalonni keenya magaalota balaarra bilisa ta'an keessa isaan tokko. Kanaafuu, kun nurratti dhiibbaa geesisaa jennee hin yaannu. Nuti balaarra bilisa," jedhaniiru.

Abdii Turizimii

Sochiin turizimii ilma mootii Mohaammad bin Salmaaniif dinagdee biyyattii daldala boba'aarratti hundaa'e gara turizimiitti jijjiiruuf kun carraa guddaadha.

Akka karooraatti Sawudiin turistoota biyya keessaafi alaa bara 2030tti miiliyoona 100 gahuu simachuuf karoora qabdi. Mootummaanis carraa hojii turiziimii faana wal qabatu miiliyoona tokko ta'u akka uumu eegama.

Ta'us garuu biyyattiin dhiittaa mirga namoomaatiiniifi ajjeechaa gaazexeessaa Jamal Kaashoogjiitiin biyyattiin dhiibbaa keessa galteetti.

Bara 2017tti biyyattiin bakka piroojektii turizimii kan odola 50 fi Galaana Diimaarratti riizoortii ijaaruuf akka taatu ibsitee turte.