Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaanti Saahilawarq waa'ee Laga Abbayyaa maal jedhan ?
Pirezidaanti Saahilwarq Zawude yaa'ii waliigalaa UN irratti haasaa taasisaniin lagni abbayyaa qabeenyaa biyyoota lagichaa waliin malee madda waldhabiinsaa ta'u akka hin qabaannee dubbatan.
Pirezidaantittiin haasaa yaa'ii dhaabbatichaa 74ffaarratti taasisaniin, biyyattii ilaalchisee dhimmoota garaa garaaa kan kaasan yoo ta'u, dhimma Abbayyaa ilaalchisuun waan pirezidaantiin Masrii kaasaniif deebii kennaniiru.
Pirezidaantiin Masrii Abdul Fattaah al Sisiin haasaa Roobii darbee walgaii motummoota gamtoomanii irratti taasisaniin, mariin hidha guddicha Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaaraa jirtuun bu'aarra gahamu dhabuun naannichatti tasgabbii dhabsiisuu danda'a jechuun dubbachunsaanii ni yaadatama.
Pirezidaanti Saahilwarki ammoo haaluma deebii kennuu fakkaatuun, ''lagni Abbayyaa qabeenyaa waliinii biyyoota lagichaati malee madda shakkiifi dorgommii ta'u hinqbaatu'' jedhaniiru.
Itti dabaluunis Pirezidaantiittiin ''laga Abbayyaa waliin itti fayyadamuuf haala kana mirkanneessuun wal ta'iinsaafi qindominaan hojjachuu barbaachisa,'' jedhaniiru.
Pirezidaantiin Masrii Abdul fattaah Al Sisii yeroo garaa garaatti hidha guddicha Itoophiyaa lagicha irratti ijaaruuf waggoota torbaan dura eegalte ilaalchisee komiifi mormii dhageessisaa turaniiru.
Ammas hoggantoonni biyyoota addunyaa yaa'ii waggaa waa'ee biyyasaaniifi waa'e dhimmoota addunyaa gurguddaa dhaabbata motummoota gamtoomanii kanarratti waa'ee hidha kanaa kaasaniiru.
Haasaa isaanii kanaanis pirezidaantiin Masri kun mariin dhimma ijaarsa hidha kanaarratti waggootaaf gaggeefamaa ture bu'aa akka hin agarsiisin hafusaa himaniiru.
kana malees ijaarsa hidhaatiin alatti, wayita ijaarsi xumuramuutti bishaan guutuun yoo eegalamutti haala itti guutamuufi haala qabiinsa isaa ilaalchisee mariiwwan waggoota dheeraaf gaggeefammaa turan kaasuun hanga barbaadameen bu'aa ta'u dhabusaanii hirmaattoota yaa'ichaatti himanii ture.
Kunis haala kanaan yoo itti fufe, tasgabbii dhabiinsa biyyootaa fi misooma irratti akkasumas biyyoota naannichaarratti dhiibbaa olaanaa qabaachu akka malu akkeekachisaniiru.
Pirezidaanti Sisiin haasaa isaanitiin akka eeraniitti, Itoophoiyaan qoannoo gahaa malee ijaarsa hidha kanaa eegalushee kaasuun, kanaanis biyyoonni komii akka hin qabaannee ibsan illeen qondaaltoota siyaasaa wayita sana aangoorra turaniin mormii olaanaa kaafame kan ture ta'u hin yaadatama.
Torban darbe aanga'oonni Itoophiyaa, Masriifi Suudaan haala bishaan hidha kanaa itti gutamu irratti mari'achuuf Kaayirootti walgahanii kan gaggeeffamee ture yoo ta'u, waliigalte malee xumuramunsaa ni beekama.
Pirezidaantiin Itoophiyaa Saahilawark Zawude yaa'ii motummoota kanaarratti dhimma laga abbayyaatiin alattis dhimmoota biraa irrattis haasaa taasisaniiru.
Jijjirama haala qilleensaa gama ilaaluun ammoo Itoophiyaan tarsiimoo misooma magariisaa baasuun hojii jajjabeessaa raawwataa jiraachu ibsite jirti.
Akkasumas Afriikaan mana maree Nageenya dhaabbata motummoota gamtomanii keessatti tessumma dhaabbataa akka qabaattuuf gaafataniiru.