Ofii qabiyyee ergaa bilbila Tiraamp eenyutu buutee?

Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp danqaawwan adda addaa darbaniiru. Kan amma isaa mudate garuu hunda kan caalu ta'u mormitoonni ni dubbatu.

Galmeen himannaa qorannoo duraa kan irratti baname marii bilbilaa gitasaanii pirezidaantii Yukireen waliin taasisaniiru jedhemeen wal qabateeti.

Tiraamp filannoo dhufaatti dorgommaa akka ta'u kan eegamu Joyi Biden akka dorgommicha irraa hambisaniif sababa akka itti barbaadu pirezidaantii Yukireen maaloo olmaa naaf olii haala jedhuun gaafatan.

Dura taa'aan koree Qorannoo Kongirasii Adaam Shiif qabiiyyeen haasaan Tiraampiifi pirezidaantii Yukireen Mr Volodymyr Zelensky jidduutti taasifamee ture kana fakkaata jedhaniiru.

Tiraampi- ''Nurraa maal akka barbaadu dhagaheera. Ani ammo kanaaf sirraa olmaa xiqqoo tokkoon barbaada. Dorgommaa kiyya akka maqaa naaf balleessituun barbaada. Yoomuu sii gala eenyu jechuu akkan barbaade..

Zelensky- 'Kan dandeenyu hunda ni raawwanna.'

Ofii bilbila Tiraamp eenyutu buutee?

Dhugaatti bilbilli Tiraampi hinbutamne. Garuu namoota itti dhiyaatan keessaa tokkoo haasaa isaan taasisan baasuun hinollee. Ykn ammo nama hojjattoonni Waayit Haawu raga ittiiin gahan jiraachu hinolle.

Wayita aanga'ootta jidduutti haasaan bilbilaa taasifamuutti, adeemsi barame jira. Gargaartoonni pirezidaantichaa, hojjattoonni Waayit Haawusiifi qondaaltoonni nageenyaa waliin taa'u.

Waliin taa'u baatan illeen kutaa biraa taa'uun dhaggeeffachu danda'u. Kanneen hirmaatanis kan gaheen hojiisaanii kana raawwachu isaan dandeessisu qofaadha.

Waayit Hawuusiitti haasaan bilbilaas ni waraabama. Kanas ta'ee namonin yaadannoo gabaabaa fudhatanis of eegannoodhaan.

Pirezidaantichi ammo bilbila kan bilbilan kutaa addaa 'Siichiiweshin''tti.

Haasawwan bilbila baayyee murtessoodha jedhaman baayyees ka'unsi isaa kutaadhuma kana.

Amma gaaffii guddaan ergaa bilbila Tiraampi taasisee attamiin kutaa kanaa bahee? Kan jedhuudha.

Yeroodhaaf namni icciticha baase eessa taa'ee odeeffannicha akka argate deeebiin hinargamne.

Eenyummaan nama kanaas hin ibsamne. Nama tokkicha haa ta'u namoota baayyees kan barame hinjiru.

Eenyuutu waa'ee Tiraamp maal jedhee?

Afi yaa'iin mana maree kan taatee Aaddee Naansii Piilosiin ''Do naal Tiraamp biyya keenyaa haqaan oggannuuf waadaa gale diigeera. Kan amanataan irratti taasifamu miti,'' jedhaniiru.

Joe Biden gama isaaniitiin ''Pirezidaantiin biyyi kiyya yeroof qabdu aangoosaaatiif daangaa hinqabu jedhe kan yaaduudha,'' jechuun tiwiitar irratti barreessaniiru.

Elizaaabet Waaran gama isaanitiin, ''Tiraampi fakkeenya bulchiinsa badaa Waashingiton keessaa tokko qofaadha'' jechuun barreessaniiru.

Joe Biden attamiin dhimmi kana keessa galanii?

Ittiaanaa pirezidaantii duraaniifi dorgommaa pirezidaantummaa filannoo itti aanu Beden sababii ilma isaatiin walqabateet Yukireen waliin kan walitti dhufan.

Ilmsaanii Hantar Biden kubaaniyaa bobba'aa Yukireen tokko keessatti dura taa'aa boordii ture. Tiraampiifi abbaa seeraa isaa Ruudii Giiliyaan Jo Biden hojii malaammaltummaa tokko keessa harkasaa galfateera jedhanii amanu.

Himannaa kanaaf garuu raga qabatamaan dhiyaate hinbeekamu.

Ameerikaan seenaa keessatti oggantootashee lama himmattee beekti. Biil Kiliintaniifi Andiruu Joonsan.

Biil Kilintan bara 1998tti mana mareetiin himatamanii bara 1999 tti seeneetiin kuffifameera.

Himannaan kunis hojjaatuu leenjii kan turte Mooniikaa Liwuniisikii waliin walitti dhufeenyi saalaa qaban ilaalchisee sobaniiru kan jedhu ture.

Akkasumas Andiruu Joonsan ammo bara 1968tti minisitra waraanaa saanii haala seera qabeessa hintaaneen harii'ataniiru jechuun himannaan irratti banamee ture. Achiinsi seeneetiin sagala lama sadiitiin kuffiiseera.

Amma hoo maaltu himamaa jira?

Namni jalqabaa Donaald Tiraamp irratti himannaa dhiyeessuun aangoo gadhiisanii akka qoratamaniif saaxile qondaalaa CIA tahuu miidiyaan biyyattii gabaase.

Akka 'New York Times' jedhetti qondaalli maqaan hin dhahamiin kunis yeroo tokko Waayita Hawus keessa hojjate ture.

Jalqabdoonni dhimmichaa garuu qondaaltonni Waayita Hawuus keessa hojjatan haasaa bilbilaa Tiraampiifi Pirezidaantii Yukireen jidduutti gaggeefamee irratti odeeffannoon akka hin argamne 'ugguruuf'' yaalaniiru jedhan.

Haasaa bilbilichaatiinis Mr Tiraampi pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelensky akka dorgomaa isaafi hogganaa paartii Dimokiraatootaa Joe Biden qoratuuf dhiibbaa taasiseera.

Himannaa Kibxata darbe gadhiifame kanaanis barreeffamni haasaan taasifame hundi sirna kompitaraa bakka yeroo hunda odeeffannoon kuufamuutti ol hin kaa'amne jedhameera.

Inumaayyuu bakka odeeffannoon adda baafamee olkaa'amutti sirna gara biraarra keessa kaa'ame.

Warri dimookiraatotaas Mr Biden mo'achuuf jecha, deeggarsa biyya alaa gaafateera jechuun himataniiru.

Mr Biden paartii Dimookiraatotaa bakka bu'uun bara 2020tti pirezidaantummaaf filatamuuf kan dorgomu yoo ta'u, Mr Tiraamp garuu kana raawwachuuf deeggarsa loltootaa akka meeshaatti Yukireeniif itti gargaaramaa jira jedhaniiru.

Mr Tiraampi, kan Riippablikaan irraa ta'ees balleessaa homaa akka hin hojjatiin haaluun adeemsa aangoorraa akka bu'uun gaafatamuuf taasisamus 'gocha adansa xibaartootaa kan biraa' jedheeniiraa.

Haa ta'u malee deeggarsa loltootaa Yukireeniif doolaara miliyoona 400 kaa'usaa osoo Mr Zelensky tti hindubbatiin guyyaa tokkoo dura amane ture.

Haa ta'u malee akka Mr Biden qoratuuf dhiibbaa taasisuuf kan jedhu haaleera.

Himannicha eenyutuu jalqabsiise

Eenyummaa nama dubbii himannicha eegalchiisee irratti odeeffannoon gadi fageenyaa barame hinjiru.

Abbaan seeraa nama dubbicha eegalchiisee 'eenyummaa adda baasuuf yaaluun' balaarra isaan buusa jechuun akeekkachiiseera.

Haaluma walfakkaatunis warraabbiin sagalee kan Mr Tiraampi eenyu akka namoota himannaa dhiyeessaa jiraniif odeeffannoo kenne adda baasuuf gaafataa jiruus ifa ta'eera.

Tiraampi namoota kana raawwataniin ''basaastoota dhihoo'' jedheeraanii

"Namni sun eenyu akka ta'e baruun barbaada. Kan namoota himannaa taasisaniif odeefannoo keenne eenyuudha. Sababiinsaas inni basaasaa dhihoo waan ta'eefiidha,'' jechuun ture pirezidaantichi haasaa dhuunfaa UN irrati taasiseen. Kan dubbate.

Waraabbiin sagalichaas Los Angeles Times'f kenname.

Itti dabaluunis ''Dur wayita haxxoota turre maal akka raawwataa ture ni beekta? Siiriidhaa? Basaasaa fi iccitii kan amma raawwannuun addatti hojjanna ture...''

Miseensi dimokraatotaa tokko akka jedheetti namni dubbii eegalchiisee akka Koree Qorannoo Manichaatti 'attattamaan' akka dubatuu barbaada.

"Waa'ee nama dhimmicha eegalchisee ilaalchisuun haawsaawwan pirezidaantichi taasisan baayyee na yaaddeessaa jira. Tarii nama kanarratti haaloo bahuuf deema yoo ta'ee na yaachisaa jira,'' jedheera Raajaa Kirshnamoorthi.

Himannichi maal kan jedhu ture?

Kan dubbicha eegalchiisaniis Mr Tiraampi ''aangoo waajjirasaatti fayyadamuun adeemsa filannoo bara 2020 keessa biyyi alaa akka galu taasiseera'' kan jedhudha.

Galmeen adda hin bahiin ammaa kunis amala pirezidaantichaa akka ''rakkina cimaa kan uumu, kan nama hinkabjne ykn kan seera cabee'' jechuun ibseera.

Himannaa seera cabsuu Tiraamp irratti dhiyaatees pirezidaantii Yukireen Mr Biden irratti kakaase jedhame akka qoratamuuf gaafatee ture hindhabame.

Himattoonni dubbii kanaa akka jedhanittis qondaaltonni olaanoon Waayita Hawuus jidduu galuun waraabbiiwwan sagalee hundi akka 'ugguramu' taasisan maddeen adda addaa irraa ragaa arganneera jechuun himatan.