Lammileen Xaaliyaan abbaafi ilmaan booyyee adamsaa wayita jiranitti ilmichi abbaatti dhukaasuun ajjeese

Lammileen Xaaliyaan abbaafi ilma ta'an wayita booyyee adamsaa jiranitti ilmichi abbaa isaatti dhukaasuun ajjeese.

Poolisiin biyyattiis ilma namicha umuriin isaa ganna 34 ta'e abbaa isaa kan umuriin isaa ganna 55 ta'e ajjeese himannaa irratti baneera.

Gabaasaaleen miidiyaa akka jedhanitti abbaafi ilmi kun bosona guddaa magaalaa posigliyoonee jedhamtu kan kutaa Kibba Salernoo keessatti argamtutti dhiyoo turan yeroo dhukaasni dhaga'ametti.

Ilmichis gaaddiduu argu kallattumaan gara wanta dagala raasaa jiru tokkootti dhukaasa bane.

Erga akka abbaa isaatti dhukaasuu baree birmannaaf iyyatee ture.

Doktoroonni garuu ga'eessa rasaasa ilma isaatiin dha'ame, Maartiinoo Ga'udiyosaa jedhamu kana oolchuudhaaf waan tokkollee gochuu hin dandeenye.

Abbaafi ilmi kun naannoo paarkii biyyaalessaa bakka adamoon itti dhorkame turan akka gaabsaaleen himanitti.

Poolisiinis qawwee jaraa irraa fudhachuun dhaga'ameera.

Dilbata Pirezedaantiin Liigii Eegumsa Bineensotaafi Naannoo akka jedhanitti, Xaaliyaan " bosona biyoota gama Lixaa" taateetti.

"Dhimmi adamoo rakkoo biyyalessaa fala atattama barbadu ta'era," jechuun Micheela Vittooriyaa rippoorterootatti himeera.

Onkoloolessa darbe, Ministeerri Naannoo Xaaliyaan Serjiyoo Kostaa adamoo Dilbatarra gaggeeffamu kana akka dhorkamuuf gaafatanii ture. Kunis kan ta'e erga namni umuriin isaa ganna 18 ta'e qarqara daangaa Firenchitti rasaasaa itti dhuka'een ajjeeffameedha.

Dhuma ji'a sanaarratti, namoonni lama biroon umuriin isaanii ganna 56fi 20 ta'an haaluma walfakkaatuun ajjeefamanii turan.