Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaan badiisa bineensootaa guddina qaamaa isaanii waliin walqabata
Bineesoota addunyaa kanaa keessaa kan qaamaan gurguddoo fi xixiqqoo ta'an balaa badiisaaf kan saxilamanii dha jechuun xiinxalli haaraan tokko beeksiseera.
Balaa badiisaa ilaallatee quddinni yookaan xinneenyii qaamaa murteesaa dha yeroo jedhamu - warri baay'ee guguddoo yookan ammoo xixiqqoo hin ta'iin carra qabeeyyii ta'aniiru jedhu, saayintiistonnii.
Kanaafis, bineensoota qaamaan gurguddo fi xixiqqoo ta'aniif eegumsi godhamuufi mala jedhu.
Warri gurguudoon adamoof kan balaan irra gahu yoo ta'u, warri xixiqqoon ammoo faalamaa naannoo fi ciramuu bosonaa irraa kan ka'e balaan guddaan irra gahaa jira.
''Bineensooti gurguddoo lafee dugdaa qaban yookan 'Vertebrates' ta'an harki caalan kallattiin namootaan ajjefamuudhan balaan irra gahaa jira,'' jechuun gartuu qorattoota yuunivarsitii Origoon kan dursan Pirofeesar Biil Riippil himaniiru.
''Warrii xixiqqoon ammoo bakki jireenya isaanii kan daanga'e dha, kunis balaa badiisaaf saaxilamuu isaaniif agarsiistuu dha. Dabalataan miidhaa naannoo irra gahaa jiruunis badiisaaf ni saaxilamu jedhan."
Bineensoonni badaa dhufuu isaanii irraan kan ka'e, badiisi jahaffaatti adeemama akka jiru qorannichi ereera.
Kunis balaa badiisaa bineensootaaf wantootni sababa ta'an akka adda baafamaniif yaaliiin akka godhamuu kakaaseera.
Sababoota adda bahan keessa tokko guddina qaamaati. Qorannoon simbirrootaa fi bineensota hoosisaan irratti qoratame akka agarsiisutti, bineensonni qaamaan gurguddoo ta'an carraan dhiyeenyatti baduu isaanii olaanaa dha.
Haa ta'u malee simbirrootaa, hoosiftoota, qurxummiiwwwan, amfiibiyaanotaa fi reppitaayiloota balaa badiisaaf saaxilaman kumaatamaan lakkawaman irratti qorannoon taasifame, bineensootni qaamaan gurguddoo fi xixiqqoo balaa badiisaa caaluuf kan saaxilaman ta'uun mirkanaa'eera.
''Kan baayee nama dinqu, balaa badisaa kanaaf kan saaxilaman bineensoota haalaan gurguddoo qofa utuu hin ta'in, warri baay'ee xixiqqoo ta'aniis balaa sodaachisaa walfakkaata keessa akka jiran baruu keenyaa,'' jechuun Profeesor Riippil BBCtti himaniiru.
Bineensonni gurguddoon akka Arbaa, Warseessaa fi Leencaa yeroo dheeraaf kanneen akka hin banneef eegumsi godhamaafi ture dha.
Haa ta'u male, qurxummii, allaatii fi amfiibiyaanotaa baay'ee gurguddo ta'an kan akka gosa qurxummi weel fi shaarkii, guuchii Somaalee jedhamuun kan beekamuufi kanneen akkasii biroo waan dagataman fakkaatu.
Akkasumas bineensotni xixiqqoon kan akka Fattee fi gosa hantuuta shiwiis jedhamanis xiyyefannaan kennameef baay'ee xiqqoodha.
''Akka natti fakkaatutti, goosa bineensota xixiqqoo ilaalchisee, jalqaba irratti barumsa gahaa kennuutu nurra jiraata, sababni isaas bineensoota gurguddoof xiyyeeffannaa guddaan yeroo kennamu, warra xixiqqoof garuu xiyyeffannaan kennamu waan hin jirreefi,'' jechuun Piroofesar Riippil dubbataniiru.
Qorannoo kana keessatti, qoratoonni biyya Ameerikaa, Ingilizii, Siwiizerlaandii fi Awustraaliyaa balaa badiisaa bineensoota irra gahuu fi guddina qaamaa wal bira qabuun bineensota 25,000 irratti madaalli fi qorannoo geggeessa turaniiru.
Kana keessaas, 4,000tti kan ta'an madaallii dhaabbanni 'Red List of the International Union for the Conservation of Nature' jedhamu baaseen balaa badiisaa jala jiru.
Bineensootni lafee dugdaa qaban qaamaan gurguudoo fi xixiqqoo ta'aan dacheerras ta'e bishaan keessa jiraatan warra kaan caalaa balaan baduuf kannen saaxilamani dha.
Balaawwan warra qaamaan gurguddoo mudatan:
- Qurxummii kiyyeessuu seera qabeessaa fi seeraan alaa
- Adamoo fayidaa nyaataa , daldalaa fi qorichummaf godhamu
Balaawwan warra qaamaan xixiqqoo mudatan:
- Faalama harowwanii, burqaawwanii fi lageenii
- Qonna
- Manca'uu bosonaa
- Misooma
Akka qoratonni jedhanitti, eegumsi bineensoota gurguddoo fi xixiqqoof godhamu addaa adda haa ta'uyyuu malee, gartuu lamaanuu eeguuf xiyyefannaan godhamu daran hatattamaan dabaluu qaba.
"Sadarkaa adduunyaatti, bineensoota foon isaaniif jecha adamsuu, qurxummi qabuu fi waluma galatti dhiibbaa karaa namaa bineensota irra gahu to'achuuf, foon bineensootaa nyaachuu dhiisuun dhimma xiyyefannan kennamuufii qabu dha,'' jechuun barruu 'National Academy of Science' Jedhamu irratti maxxansaniiru.