Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hordoftoonnni amantii Ortodoksi Tawaahidoo naannoo Amaaraa hiriira ba'an
Naannoo Amaaraa magaalota adda addaa keessatti hordoftoonni amantaa Ordodoksi Tawaahidoo hiriira ba'aniiru.
Magaalota hiriirri nagaa keessatti ba'ame keessaa Baahardaar, Waldiyaa fi Dabramaarqos adda durummaan eeramu.
Haleellaan mana amantii Ordoksi Tawaahidoo fi dureewwana amantichaa akkasumas hordoftoota isaa irratti raawwatamaa jiru haa dhaabbatu, kanneen gocha akkanaa raawwatan seeratti haa dhihaatan kanneen jedhan dhaadannoo hiriirichaa turan.
Hiriira magaalaa Dabramaarqos keessatti geggeeffamaa jiru kan qindeessan keessaa tokko kan ta'an Obbo Barrihu Tasfaayee ''hiriirichi kan namoonni heddumminaan ba'anii irratti hirmaatanii fi karaa nagaa ta'aan kan geggeeffamaa jiruudha'' jedhan.
Hiriira nagaa kanarratti dhaadannoowwan dhagahamaa jiran keessaa ''Sagaleen Sinoodosii Qulqulluu haa dhagahamu, haleelamuun mana amantii Ortodoksii fi ajjeefamuun hordoftoota amantichaa haa dhaabbatu,'' kanneen jedhan isaan ijoo turan.
Torban har'aas haaluma walfakkaatuun hordoftoonni amantii Ordoksi Tawaahidoo magaalota naannoo Amaaraa garaagaraa keessatti hiriirri nagaa ba'anii turan.
Magaalota akka Dassee, Dabra Taabor fi Gondar keessatti hiriira nagaa ba'amee karaa nagaadhaan xumuramerratti ''Manneen amantii Ortodoksii fi hordoftoota amantichaa naannoole biyyattii keessa jiraatan irratti, qaamoleen haleellaa raawwatan seeratti haa dhihaatan, mootummaan mana amantii Ortodoksii kabajuu qaba,'' dhaadannoowwan jedhan dhageessifamaa turan.