Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhoqqeen horii biyya Xaaliyaanitti obbolaa dabalatee namoota afur galaafate
Namoonni afur biyya Hindiirraa dhufan kuusaa dhoqqee horii qarqara Paaviyaa biyya Xaaliyaanii argamu keessa seenanii du'an.
Qorattoonni kaarbon daayoksaayidii faltii fi hafteewwan horii kaan keessaa bahetu du'aaf isaan saaxile jechuun shakkaniiru.
Sadan isaanii nama isa keessa tureefi taankarii yookiin kuusaa faltii horii qulqullessaa ture baraaruuf utaalani seenani jennaan du'an. Kanaanis, afranuu seenaniis lubbuun dabarte.
Lama abbaa qabeenyaa qonna sanaa yoo ta'an lama immoo hojjettoota turan. Afranu lammiilee Hindiiti.
Namoota afur du'an keessaa lama obbolaa yeroo ta'an Kaaba Xaaliyaanitti oomisha annanii gurguddaa qabu turan.
Bakki trakkoon kuni itti dhalate magaalaa Miilaan irraa 45km fagaata.
Miidiyaaleen Xaaliyaanii lafti qonnaa namoota du'aniiti naannoo Oaaviyaatti oomisha annaniifi horii qalmaaf ta'u dhiheessuun beekamu jedhan.
Faltiin kuni bakka tokkotti kan walitti qabame akka ciicataatti lafa qonnaa irratti fayyadamuuf ture.
Abbaan warraa isaanii gaafa kamisaa laaqanaaf as manatti galu dhabani jennaan haadholiin warraa namoota du'anii yaaddoo isaanii ibsan.
Shakkiidhaan gara kuusaa faltiitti yeroo dhaqan reeffa nama tokko argan.
Boodarras lubbuu baraartonni kuusaa dhoqqee loonii dhiqun reeffa namoota afranii baasaniiru.
Miidiyaan xaaliyaanii Raayi aka gabaasetti namoonni 486 barana lafa hojiitti lubbuu isaanii dhaban. Kunis erga bara 2016 guddicha jedhameera.
Ministirri Qonnaa biyyattii Teresaa Belanovaa fuula tiwitara isaanii irratti namoonni lafa hojiitti nageenyi isaanii akka eegamu akka hojjetan himan.
Ministirri kuni ijoollummaa isheetti hojjettuu qonnaa turte.