Sigigoon lafaa lubbuu namoota 22 galaafate

Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nansoboo Ganda Tulluu Goolaa Buufata Beeloo jedhamuun beekamtu keesatti rooba cimaa sa'aatii tokkoo fi walakkaaf walitti fufee roobeen lafti sigigaatee namootni 22 lama yoo du'an namooti 7 baraarfamaniiru.

Qabeenyi hedduunis barbadaa'eera, manneen maatii sagalii diigamaniiru, loon 47 tahanis du'aniiru.

Qabeenyi hedduunis barbadaa'eera, manneen diigamaniiru, loon hedduurras miidhaan ga'eera.

Namoota du'an keessaa 14 daa'imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi tahani dha.

Naannoon balaan kun itti mudate giddu galarraa fagaatee kan argamuu fi hanqina tajaajilaawwan bu'uuraa waan qabuuf jiraattota naannoo hatattamaan qaqqabuun yaaddoo ture.

Namootni baraarfaman hospitaala Cirrii Aanaa Cirrii keessattii argamutti wal'aanamaa jiru, jilli itti gaafatamaa Ijaarsaa fi Siyaasaa godinichaa obbo Warqineh Haayileen durfamu qoricha ogeessa wajjin, midhaanii fi meeshaalee garaagaraa qabachuun iddoo balichi uumametti argamuun gargaarsa kan godhan tahuu Itti aanaa, Itti Gaafatamaa Dhimmoota Komnikeeshinii Godina Arsii Lixaa obbo Fayyisaa nutti himaniiru.

Haaluma Kanaan namooti sadii hanga Afurii tahan ammayyuu barbaadamaa jiraachu fi Haallichi ulfaataa waan tureef lakkoofsi namooti du'anii dabaluu akka danda'u dubbataniiru.

Namooti 50 yeroo balaan uumamu mana kan hin turre, gabaa bahanii, buna dhuguu manarraa fagaatanii deemanii fi dargaggooti barumsaaf magaala jiran argamanii maatii gargaaramaa jiran waliin makamaniiru.

Hojiin gama mootummaan amma hojjetamaa jiru reeffa namoota du'ani gaggeessuufi namoota miidhaa cimaan irra gahe torban hafaniif wal'aansa gochuu dha.

Obbo Fayyisaan balaan akkasii kuni kana dura uumamee kan hin beekne dubbatanii dursanii tarkaanfii akk hin fudhanneef ammoo wanti raagame akka hin turre himani. Iddoo Balaan kuni uumame tulluu jala waan taheef kunimmoo roobni cimaa yoo robe balaa wal fakkaataa waan qaqqabsiisuuf manneetii gaara jala jiran iddoo biraatti akka ijaaraman hojiin hojjetamaa jira jedhan.

Naannoon kun gaarreeniin kan marfamee fi bosona naannootiin utubamee yoona ga'uu kan himan Obbo Fayyisaan Duroo, gaarri amma namootatti kufe kun qullaatti waan hafeef sigigaate jedhan. Kanaaf hojiin kunuunsa naannoo hojii xiyyeeffannaa argachuu qabuudhas jedhaniiru.