Yaman: Hookkara Yamaniif biyyoonni dhihaa itti gaafatamuu malu- UN

Ameerikaa, Biriteen fi Firaansi qaamolee Yaman keessatti wal waraanaa jiran tumsuun biyyattiin akka goolama keessa galtu waan haala mijeesaniif itti gaafatamuu qabu jedhe Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii.

Biyyoonni dhihaa meeshaalee waraanaa fi loojistikii humna waraanaa qindaa'aa Sa'uudiin deggeramuuf tumsu, Iraan ammoo hidhattoota mootummaa lolan ,Houthi, deggerti.

Qaamoleen deggersa kennuun waraana Yaman keessatti daranuu babal'isan kunneen hundinuu itti gaafatamummaa jalaa hin ba'an kan jedhu Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii yakka dabalataa biyyoonni kunneen lammiilee nagaa irraan ga'uuf deeman ogeeyyiidhaan akka qorachiisus beeksiseera.

Waraana waggaa afur Yaman keessa tureen namooni 7,290 ta'an du'aniiru, miiliyoona 24 , dhibbeentaa 80 baay'ina uummata biyyattii, kan ta'an ammoo harka namaa eeggatu.

Gareen ogeeyyii Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii gara Yaman bobbaasee jiru biyyoonni humna qaban biyya gatantartee jirtu Yaman keessatti waraana banuun biyyattii barbadeessaa jiraachuu adda baasan.

Waraanni qindaa'aan Sa'uudiin hoogganamu biyyattii keessatti yoo nageenya fiduuf tattaafatu, gareen mootummaa haleelu ,Houthi, ammoo ni gufachiisa jedhan ogeeyyiin kunneen.

Qaamoleen lameen wayita wal haleelan lammiileetu du'aa jiru jiru, kunimmoo seera mirga namoomaa idil addunyaatiin kan gaafachiisuudha jedhan.

Ogeeyyiin kunneen waan qoratan qabatanii yaa'ii Idil Addunyaa mana maree mirga namoomaa irratti dhiyeessuuf jiru.

Qaamoleen Yaman keessatti wal waraanan daandii walitti cufuudhaan nyaati akka hin seenne dhorkaa waan jiraniif uummanni beelaan dhumaa jira jedhu ogeeyyiin Dhaabbata Biyyoota Gamtooomanii kunneen.

Kanaafuu qaamoleen hunduu, biyyoota dhihaa dabalatee, meeshaa waraanaatiin waraana Yaman deggeruu irraa of qusachuu qabu jedha dhaabbatichi.

Kana malees karaa midhaan nyaataa ittiin gara biyyattii galu cufuurraa dhaabbachuu qabu jedhe.

Gurgurtaan meeshaalee waraanaa Yaman keessatti dhaabbachuu qaba kan jedhe UN hanga ammaatti Sa'uudii fi warra Houthi irraa yaada akka hin arganne ibseera.