Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weellisaa Jastiin Biiber waa'ee qoricha sammuu namaa hadoochu irratti yaada kenne
Weellisaa beekamaan lammii Kanaadaa Jastiin Biiber akkamitti nama adunyaa irratti jibbamu akka tahee fi murtoo gadhee umurii isaa 20 keessaan fudhate ilaalchisee barreeffamaan ibse.
Dargaggoon yeroo umuriin isaa waggaa 13 ogeessa muuziqaa Iskooter Birawon nama jedhamuun dandeettii addaa qabaachuun isaa argamee hanga adunyaa irratti miliyoonotaan jaallatamummaa horatutti dhaqqabe kun araada hamaa keessa galeera jedhamuun irratti barreeffamaa ture.
Jastiin Biiber qoricha sammuu namaa hadoochu akka malee akka fayyadamuu fi jireenya dhuunfaa isaa irrattis dhiibaa guddaa akka fide hime.
'' Ani dubartootaaf kabaja hin qabu, nan aara, haloon qabadha'' jedhee barreesse.
''Namoota na jaalatan hunda irraa fagaadheera, akka waan amala kana fooyyessuu hin dandeenyettan of ilaalaa jira,'' jedhe.
Weellisaa jaalatamaan Kanaadaa kun bara ijoollummaa isaa dinqisiifannaan walitti fufinsaan argataa ture haala akkamiin jireenya isaa akka miidhe ibse.
Umurii waggaa 13 irraa yeroon magaalaa xiqqoo tokko keessa jiraadhu irraa eegalee adunyaa kana irratti namoota miliyoonotaan dinqisiifatamaan ture.
Hammam akka na jaallatanii fi hammam cimaa akkan tahe natti himaa turan. Namni hundinuu waan hundaa anaaf godhaniiru.
Waa'ee itti gaafatamummaa illee tasumaa osoo hin baratiinan hafe jechuun Inistaagiraamii isaa irratti barreefama miira namaa tuqu barreesse.
Rakkinaa gara rakkinatti
Umurii waggaa 18'n baankiidhaa maallaqa miliyoonotaan qaba ture. Waan barbaade itti godhachuu danda'a. Garuu adunyaa dhugaa kana keessatti dandeettii jireenyaa biraa gahaa tahe hin qabu.
Umurii waggaa 19'n Baayiber qoricha sammuu hadoochu akka malee baay'isee akka fayyadamuu fi hariiroo jaalalaa qabus akka diige barreesse.
''Murtoo gadhee fudhachuu koo irraa kan ka'e nama adunyaa irratti baay'ee jaallatamuu fi kabajamu keessaa gara nama hadheeffatamu, qeeqamuu fi jibbamuutti jijjirameera'' jedhe.
Jastin Biiber bara 2014 yeroo hedduu yakkaan himatamee ture. Dhiibbaa fayyaa keessa tahee konkolaachisuus dabalata ture.
Ganama rakkoo hamaa akkasii keessa taatee siree keessaa ka'uun ulfaataadha jedhe.
Yeroo tokko tokko ammoo hamma lafa irra jiraachuun nama jibbisiisutti iyyuu yeroon gahu jira.
Garuu amantaan inni qabuu fi deeggarsi maatii fi haadha warraa isaa Haalii Baaldiwiin akka haalota kana jijjiraa dhufe hime.
Amma haala kana keessaa bahee murtoo gaarii fudhachuun gaa'ila isaa diigamee tures deebisee ijaaruuf waggaa tokko akka itti fudhate himeera.
Waaqayyo namoota jaalala guddaa naaf qabaniin na eebbiseera. Amma bara jireenya koo baay'ee gaarii tahe keessan jira jedhe.