Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yohaanaa Se'inzi Gaarshiyaa: Wellistuun Ispeen waltajjii irratti dhohinsa uumameen duute
Weellistuun Ispeen konsertii dhiyeessaa turte wal tajjii irratti dhohinsa uumameen lubbuun ishee darbe.
Yohaanaa Se'inzi Gaarshiyaa umuriinshee ganna 30 kan taate wayita garee okestiraa Hooliiwuud waliin tahuun cina magaalaa Maadiriditti konsartii qopheessaa turtedha kan tasa lubbuunshee darbe.
Meeshaan abidda dhaamsuuf ooluufi aaraan guutame yeroo hedduu wal tajjii irratti itti fayyadamu. Kaleessa galgala garuu ofumaan dhohuun lubbuu weellistuu kanaa dabarse.
Akkuma hospitaala galteenis lubbuunshee darbuutu himame. Namootni 1000 ol tahan konsartii sana irratti argamuun daawwachaa turan.
Kun magaalaa Kaaba Lixa Magaalaa Maadirid Las Berlanaas keessattidha kan raawwate.
Akka viidiyoon waraabame mul'isutti meeshaan abidda ittiin dhaamsan akkuma dhoheen waltajjii irratti kufte.
Garee miseensa 15 qabu keessas keerogiraafii fi shubbisaan dursaa turte.
Feestivaalli guyyota afuriif qopheessanis adda cituun akka dhaabbatu taheera. Qindeesitootni feestivaalichaas gadda isaanitti dhagahame ibsuun rakkoo yeroo oomisha meeshichaa uumametu balaa kana fide jedhan.