Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taayifoon Likimaa: Bubbeen rooba makate namoota 18 ajjeese, mil 1 caalu buqqise
Bubbeen rooba makate Taayifuun Likimaa Chaayinaa aleele namoota 18 ajjeesuun, namoota miliyoona tokko ol qe'eesaanirraa buqqise.
Namoonni 14 ammoo sigiga lafaa bubbeen rooba makate kun uumeen achii buuteen isaanii dhabamuu midiyaaleen gabaasan.
Sambata duraa kana ganamaan Wenling bakka Taayiwaaniifi Shangaayii gidduutti argamtu aleele.
Obonboleettin kun akka malee hammaatadha jedhamee sodaatamaa turus otoo sigiga lafaa hin uumiin dura laafaa adeeme.
Ammaas bubbeen kun saffisnisaa sa'aati tokkootti 187km gaha.
Sigigni lafaa lubbuu namaa dabarse' Wenzhou' lafa obonboleettiin hamaan itti hammaatetti uumamuu miidiyaan biyyaatti gabaase.
Likimaan suuta gara bulchiinsa Shijiyaangitti bubbisaa jiru Shangayii akka aleeluuf jirutu eegama. Shangayi iddoo uummannii mil 200 ol keessa jiraatu.
Lubbu-baraartoonni namoota otoo doqdoqqee oofani ugguraman lolaa guute jalaa bararaaniiru. Mukeen jijiguun fi tajaajilli ibsaas addaan citeera.
Qondaaltonni biyyatti balalii xiyyaara 1,000 ol haquun tajaaila baaburaas haqan.
Shaangayii wayita qaqqabu caalatti onboleettiin kun akka laafaa adeemu eegamus garuu, lolaa hamaa uuma jedhamee sodaama jira.
Hoggaanaan garee lubbu-baraartootaa Fu Soongi liyaang akkas jedhan '' iddoo balaan kun qaqqabee baadiyyaa fi magaalaanis qidoomnee hojiichaa jirraa ''jedhan.
''Iddoon kunneen lafa gadi jedhaadha. Lolaan naannoo gaara gubbaarraa gadi bu'uu miidheera'' jechuun Rooyitarsitti hime.
Shaangayii namoota 250,000 naannichaa yoo baastu, bulchiinsa Zijiyaangirraas namoonni 800,000 mana isaaaniirraa buqqa'aniiru.
Manneen jireenyaa mil 2.7 tajaajila ibsaa malee sababii bubbeetiin hafuu midiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.
Taayifuunii waggaa tokko keessatti yeroo 9ffaa uumamuu 'Xinhua news 'himuun obonboleettin kun jabaadha jedheera.Jalqabarratti akeekkachisa olaanaan kennamus boodarraa humni bubbee kana laafera.
Raagni haala qilleensaa biyyatti saffisa bubbee kanaas 15km sa'aatiitti akka qabaatu raagee ture.