Ameerikaa: Bubbee cimaa rooba makate Mikaa'el jedhamu Filooriidaa rukute

Roobni bubbee makate ykn Haarikeen jedhamu seenaa keessatti hamaadha jedhame Kaaba-dhiha Filooriidaa rukute.

Balaa kanaan magaalota qarqara galaanaatti argamanirra lolaan irra galagaluun manneen hedduun liqifamaniiru, mukeen hundeen dhaabatanii hafanis hin jiran jedhame.

Bubbeen Harikeen Mikaa'el jedhamu sadarkaan isaa sadaffaadha jedhameefi saffisa saatii tokko keessatti kiiloomeetira 200 bubbisu Roobii waaree booda ture kan naannoo Paanhaandile jalqaba rukkute.

Akka aanga'oonni Filooriidaa jedhanitti namni tokko mukni irratti jigee lubbuun darbeera.

Balaan kun namoota walakkaa miliyoonaa ta'an Filooriidaa, Albaamaafi Joorjiyaa keessa jiraatan ibsaa malee hambiseera.

Haarikeen Mikaa'el bubbee baayyee cimaa waan ta'eefis gara biyya keessattillee seenaa jira jedhame.

Boodarra humni isaa laafaa dhufullee bubbeen hamaan kun saffisa duraan ka'een hedduu namoota yaaddessee ture.

Bulchaan kutaa biyyaa Filooriidaa Riik Iskoot bubbeen kun waggoota 100 keessatti isa baayyee cimaa ta'e akka ta'u dubbatanii "badinsa yaadamee hin beekne qaqqabsiisuu mala" jedhan.

Balaan bubbee Haarikeen Mikaa'el jedhame kun Ameerikaa Giddu-galeessaa hanga ammaatti namoota 13 kan galaafate yommuu ta'u isaan kana keessaas: Ja'a Honduraansi, afur Nikaaraagu'aafi sadii ammoo El Saalvaadoor keessatti.

Namoonni 370,000 akka Filooriidaa gadi dhiisanii ba'an ajajamiiru garuu hedduun isaanii akeekkachiisa kana gurra dhoowwachuun aanga'oota yaaddesseera.

Daarikterri Ejensii To'annaa Birmachuu Yeroo Balaa Federaalaa Birook Loong Waayiti Hawusirraa akka jedhanitti manneen 2001 dura ijaaraman keessattuu bubbee kana waan dandamachuu hin dandeenyee nama yaachisu jedhan.

Labsiin yeroo attatamaa Kutaaleen bulchiinsaa Filooriidaa, Albaamaa, Joorjiyaafi Kaaroliinaa Kaabaatti labsameera.

Manneen barnootaafi waajiraaleen naannoo sana jiran akkuma cufamanitti jiru.