Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ibidda Kaalifoorniyaa: Ibiddi hamaan baadiyyaa wayiniin beekamtu kana galaafate
Kaalifoorniyaa keessa naannoon wayinaan beekamtu ibidda hatattamaan baballachaa jiruun, yoo xiqqaate namoonni 10 du'aniiru.
Namoonni hedduunis naannicha gadhiisanii kan bahan yommuu ta'u, manneen 1,500 tahan barbadaa'aniiru. Kaawuntii Sonoomaatti namoonni torba lubbuu dhabuu, qondaalatonni dubbatan.
Namoonni 20,000 tahan kaawuntiiwwan Naappaa, Sonomaa fi Yubaa keessaa, ibidda seenaa naannichaatti hamaa ta'e kanaan baqataniiru.
Bulchaan Kaalifoorniyaa labsii yeroo hatattamaa labsaniiru.
''Ibiddi kun manneen hedduu yogguu barbaddeesu, kanneen kumaatamaan lakka'aman ammoo yaaddesseera. Kun ammoo namoonni kumaatamaan lakka'aman qe'ee isaanirraa akka godaanan taasiseera,'' jedha labsiin kun.
Ibidda lafa bal'aa tahe galaafachaa jiru kanaan, du'a namootaa kaawuntii Sonoomaa malee, kaawuntii Naappaatti namoonni lama, akkasumas kaawuntii Mendoochinootti namni tokko lubbuun darbeera.
Miidhaan hedduus gabaafamaa kan jiru yommuu ta'u, namoonni kaanis argaan isaanii dhibeera.
Jiraattuu kaawuntii Sonomaa kan taate Maariyaan Wiliyaams waan jette, isheeniifi warri ollaa qaanqee ibiddaa keessa konkolaataa oofuun baqataniiru.
''Qaanqee abiddaa akkasii takkaa argee hinbeeku,'' jechuun NBCtti himte.
Ka'umsi abidda Dilbata galgala ka'e kanaas haga yoonaa hin beekamne.
Abiddi garmalee hatattamaan qabatu kun, bubbee cimaa fi qilleensa ho'aa fi gogaa taheen babal'achaa jira.