Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Booranaafi Haraggeetti koleeraan namoota 27 irratti argame
Godina Booranaatti Mooyyaaleefi Gooroo Guutuutti namoota 27 irratti dhibeen kooleeraa mul'achuu Waajjirri Fayyaa Godinichaa ibseera.
Waaajjira Eegumsa Fayyaa Godina Booranaatti raawwataan hoggansa sodaa fayyaa hawaasaa kan tahan Obbo Maandafroo Asfaawu akka himanitti dhibeen kun torbee tokkoon dura magaalaa Mooyyaaleetti mul'ate.
Guyyaa jalqabaatti namni dhibee kanaan qabamuun shakkame buufata fayyaa erga dhufeen booda namoonni dhibee kanaan qabaman dabaluun hanga Kamisaatti namoonni 16 wiirtuu yaala dhibee kooleeraatti dhufanii yaalamuu himan.
Namoota dhibee kanaan qabamanii yaala argatan keessaa 6 naannoo Somaalee irraa dhufuus eeran.
Dhibeen kuni biyya ollaafi naannoolee ollaa irraa dhufuu akka danda'u shakkiin waan tureef wayita mul'atutti yaala gahaa kennuuf qophiin dursa taasifamuunis miidhaan lubbuu akka hin qaqabneef gargaarera jedhan. Wiirtuu yaala dhibee kooleeraa Mooyyaaleetti namootni 16 yaalamaa turanis yeroo ammaa fayyanii gara mana isaanitti deebi'uu himan.
Ta'us waqtiin ganna ta'uusaatiin hanqinni qulqullinaa yeroo kanatti mul'achuu malu dhibee kanaaf ka'umsa waan ta'uuf ammallee yaaddoon jiraachuu eeran.
Bifuma walfakkaatuun Godina Harargee Bahaattis namoonni 11 dhibee kanaan qabamnii yaala argachuu ittigaafatmaan Waajjiira Eegumsa Fayyaa godinichaa Obbo Mahaammaddiin Kadir BBCtti himaniiru.
Aanaa Gooroo Guutuu wiirtuu yaala dhibee kooleeraatti yaalamaa kan turan namoonni kunneenis yeroo ammaa dhibee kanarraa fayyuus eeran.
Yaaddoo dhibeen kun babal'achuu mala jedhuunis godinichatti wiirtuwwan namoonni dhukkubichaan qabaman itti yaalaman qopheefamuus himan.