Finfinnetti mallattoon dhukkuba koleeraa mul'ate

Finfinnetti mallattoon dhukkuba koleeraa mul'achuu Ministirri Eegumsa Fayyaa Dr. Amiir Amaan beeksisan.

Dr. Amiir namoota shan yaalii dhukkuba haqqeefi garaa kaasaa argachaa jiran keessaa kan tokkoo koleeraa ta'uu laaboraatoriitti mirkaneessuu fuula tiwiitarii isaanii irratti beeksisaniiru.

Dhukkubni haqqeefi garaa kaasaan ariifachiisaa Finfinnee, Oromiyaa, Amaaraa,Tigiraayifi Somaalee namoota 365 irratti mul'achuufi kanneen keessaa 9 koleeraatiin qabamuu isaanii laaboraatoriidhaan mirkanaa'era jedhaniiru.

Itoophiyaan yeroo dheeraa booda dhukkubni koleeraa mudachuu yoo amantu kun isa duraati.

Armaan dura haqqee fi garaa kaasaa malee koleera jedhanii hin waamamu ture.

Yeroo dhiyoo as aanga'oonni fayyaa biyyattii koleeraa maqaa isaatiin gabaasuuf waadaa galanii tura.

Namooti haqqeefi garaa kaasaafi koleeraatiin yaalii hatattamaa akka argchaa jiraniifi dhukkubicha ittisuufis qophii guddaa irra akka jiran himu. Kutaalee hawaasaa dhukkubichaaf daran saaxilamoo tahaniif talaalliin kennama jedhaniiru.

Namoota mallattoon dhukkubichaa irratti mul'ate hatattamaan gara buufata fayyaa geeffamuu akka qaban yaadachisaniiru.

Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa dhukkubni koleeraa Finfinnee, Oromiyaa, Amaaraafi Tigiraay keessatti mudachuu isaa beeksiseera.

Institiiyuutichi dhukkubichi salphaatti daddarbuufi miidhaa qaqqabsiisuu waan danda'uuf of eeggannoon akka taasifamuu qabu akeekkachiiseera.

Mana fincaanii sirnaan fayyadamuu, meeshaalee nyaataafi dhugaatii keessa keewwatan bishaan qulqulluun dhiquufi qadaadanii kaa'uun titisaafi faalamarraa eeguun akka malu yaadachiiseera.

Bishaan dhimma kamifiyyuu oolu kan boombaa, burqaafi lagaa waraabame qorichaan qulqulleessuu yookiin danfisuun fayyadamuu, nyaata bilcheessuu, dhiyeessuufi soorachuun dura, mana fincaaniitii yoo deebi'aniifi daa'imman erga bobbaasaniin booda harka saamunaan dhiqachuun akka barbaachisu beeksiseera.

Guyyaa lama dura naannoo Amaaraatti sababa haqqeefi garaa kaasaan namooti shan du'uu BBC'n gabaasee ture.

Qondaaalli insitiitiyuutii fayyaa naannicha obbo Amoonya Balaay hanga Kamisa darbetti namooti 190 tahan haqqeefi garaa kaasaa ariifachiisaan qabamuu isaanii ibsuun,'' sababii kanaan namooti du'uun isaanii mirkanaa'e shan dha'' jadhanii turan.

Dhukkubni mudate koleeraa moo haqqeefi garaa kaasaa dha? gaaffii jedhu yoo deebisan, ''haqqeefi garaa kaasaan baakteriyaa, vaayirasii, pirootozowaa yookiin faalama bishaaniifi nyaataan mudachuu danda'a."

Baakteeriyaa dhukkuba haqqeefi garaa kaasaa ariifachiisaa fidan keessaa tokko koleeraadha jedhu.

Haqqeefi garaa kaasaan sababii garaagaraan mudachuu danda'a, koleeraan garuu baakteeriyaawwan isa fidaniifi bifa weeraraan mudatu dha.

Dhangala'aa qaama keessa jiru duguugee baasuun ittisa qaama laaffisuun du'aaf saaxila.

Odeeffannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaaa baakteeriyaa viibroo jedhamutu dhukkuba koleeraa fida.

Waggaa waggaatti namooti miiliyoona 1.3-4 tahan dhukkubichaan akka qabamaniifi kunneen keessaa kuma 21-143 ta'an lubbuu isaanii akka dhaban odeeffannoon dhaabbatichaa ni agarsiisa.