Namichi reeffa dubartii shaanxaa keessatti argame waliin shakkame ajjeesuu amane

Shakkamaan ajjeechaa dubartii Raashiyaa inistaagiraamii gubbaa baay'ee beekamtun gaafatame waan raawwate dubbachuu isaa poolisiin Raashiyaa beeksise.

Dubartiin Raashiyaa ogummaan ishee doktora taate kuni ajjeefamtee gaafa Jimaataa ture reeffi ishee shaanxaa keessa kan argame.

Viidiyoo abbootii alangeen gad-dhiifameen namichi Maaksim Gaareyev jedhamu Ikaatirinaa Kaaraagilaanovaa akka waraane hime.

''Yoo xiqqaate si'a shan mormaafi laphee irratti waraane,'' jedhe.

Yeroo shakkamaan waan raawwate poolisiitti himu abukaaton isaa isa waliin haa jiraatu ykn hin jiraatin wanti beekamu hin jiru.

Reeffi ishee gaafa Jimaataa warri ishee bakka buute dhabani jennaan nama mana kireesseef bira dhaqanii barbaadani mana kireeffatte keessa shaanxaa keessatti akka argame poolisiin himeera.

Waa'ee shakkamaa maal beekna?

Obbo Gaareyev akka jedhetti Aadde Kaaraagilaanovaaf bakka dhaqxe maratti qarshii kennaaf ture. Walitti dhufeenya gaarii akka qaban turanis hime.

''Hin bareedduu naan jette. Fuula keeyyuu baqaqsattee osoo hodhattee hin bareeddu naan jette,'' jedheera.

Ishee waliin lammata wal arguuf waggaa tokkollee qarshii yoo qusate akka isa hin geenye natti dubbatte jechuun himeera.

Viidiyoo Koree Qorannoo Raashiyaatin gadhiifamen umurii 33 kan ta'e Obbo Gaareyev jaalallee isaa duraanii Aadde Kaaraagilaanovaatti akka aare hime.

Kunis, sababa ''irra-deddeebbiin waan na arrabsiteefi na salphisteefi,'' jedheera. ''Kana obsuu hin dandeenye,'' jechuun dubbate.

Qorattoonni durumaa akka jedhanitti, viidiyoon yeroo isheen baddee turtetti waraabame jaalalleen ishee duraanii kuni yeroo mana ishee seenee bahu akka agarsiisu himanii turan.

Garuu, yeroos ajjeechaa kanaan shakkamuu isaa waan dubbatan hin qabani.

Akka miidiyaan Raashiyaa 'Moskovsky Komsomolets' jedhamu gabaasetti Aadde Kaaraagilaanovaan nama biraa waliin jaalala kan eegalte yoo tahu silaa Kibxata darbe gara Neezarlaand dhaqxee guyyaa dhalootaa ishee kabajuuf turte.

Maddi oduu Raashiyaa RIA jedhamu akka gabaasetti immoo namni jaalallee isheetin jedhe kuni torban muraasa dura eegale ishee waliin mul'ataa ture.

Dubbii himaan ministeera dhimma keessaa Raashiyaa, Iriinaa Voolk, poolisiin ajjeechaan erga raawwate guyyoota muraasa booda Obbo Gaareyev gaafachuu eegale.

Miidiyaa hawaasummaa Inistaagiraamii irratti baay'ee kan beekamtu dubartiin kuni suuraalee ishee hordoftoota ishee 85,000 ol ta'anif qooddi turte.